FAARFANNAA 59
Anaa Wajjin Yaahiin Jajaa
-
1. Anaa wajjin
Yaahiin jajaa!
Nuu kenneera waan gaariif jireenya.
Maqaa isaa
Ni eebbisna,
Jaalalaa fi guddinasaa himna.
Isa jajna, maqaasaa beeksisna.
-
2. Yaahiin jajna
Nu dhagaʼa;
Waan barbaachisu guutuu dandaʼa.
Irreen isaa
Laafaa cimsa;
Hafuurrisaa garraamii jabeessa.
Ni faarsina maqaasaaf humnasaa.
-
3. Waliin taanee
Yaahiin jajna.
Nu jajjabeessa, isa abdanna.
Ni sirreessa
Wanta hunda.
Mootummaansaa hundaaf eebba fida.
Gammachuudhaan jajna Waaqa guddaa!
(Dabalataan, Far. 94:18, 19; 145:21; 147:1; 150:2; HoE. 17:25 ilaali.)