Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 68

Sanyii Mootummichaa Facaasuu

Sanyii Mootummichaa Facaasuu

(Maatewos 13:4-8)

  1. 1. Kottaa hojjedhaa hojii Gooftaa;

    Fudhadhaa waamicha isaa.

    Inni ʼsin gargaaruu barbaada;

    Ni qajeelcha barumsisaa.

    Latuu dandaʼa sanyiin dhugaa kun

    Garaa gaarii keessa buunaan.

    Waan qabdan keessaa isa caalu kennaa

    Yeroo hojjettan hojii kana.

  2. 2. Milkaaʼuun keessan kan hundaaʼu

    ʼsinirratti garri caalaan.

    Gargaarsa keessan ni barbaadu

    Dhugaa fudhachuuf jaalalaan.

    Gargaaraa akka dandaʼan moʼuu

    Shakkiif dhiibbaa irra gaʼu.

    Guddinni sanyichaa yeroo mulʼatu

    Gammachuu guddaa ni argattu.

(Dabalataan, Mat. 13:19-23; 22:37 ilaali.)