Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 7

Yihowaa, Jabina Keenya

Yihowaa, Jabina Keenya

(Isaayaas 12:2)

  1. 1. Yihowaa ati jabina keenya,

    Fayyisaa keenya, sitti gammanna.

    Namoonni fudhatanis didanis,

    Dhugaa Baatuu keeti ergaa himna.

    (BUUSAA)

    Yihowaa humnaaf jabina keenya,

    Maqaa kee himna hundaan geenya.

    Humna qabeessa, hunda dandeessa.

    Dawoo keenya ati nuuf gaaddisa.

  2. 2. Ifa laattutti hedduu gammanna.

    Ija dhugaa kee hubatu qabna.

    Dubbii keerraa ajaja kee barre.

    Jaallannee Mootummaa kee deggerre.

    (BUUSAA)

    Yihowaa humnaaf, jabina keenya,

    Maqaa kee himna hundaan geenya.

    Humna qabeessa, hunda dandeessa.

    Dawoo keenya ati nuuf gaaddisa.

  3. 3. Gammachuudhaan fedha kee raawwanna

    Humna keetiin Seexana ni moona.

    Yoo nu ajjeesellee yeroo xinnoof,

    Ni dhaabbanna olaantummaa keetiif.

    (BUUSAA)

    Yihowaa humnaaf jabina keenya,

    Maqaa kee himna hundaan geenya.

    Humna qabeessa, hunda dandeessa.

    Dawoo keenya ati nuuf gaaddisa.

(Dabalataan, 2 Sam. 22:3; Far. 18:2; Isa. 43:12 ilaali.)