Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 70

Warra Isaaniif Malu Barbaadaa

Warra Isaaniif Malu Barbaadaa

(Maatewos 10:11-15)

  1. 1. Waaʼee lallabuuf barsiisuu dubbate,

    Akkana jechuudhaan gooftaan:

    ‘Warra dhagaʼuuf qophaaʼan barbaadaa,

    Namoota hafuuraan dheebotan.

    Nagaa gaafadhaa nagaa ʼsaaniif hawwaa,

    Nagaan keessan isaan haa gaʼu.

    Awwaara miilla keessanii hurgufaa

    Adeemaa yoo didan dhagaʼuu.’

  2. 2. Kan isin simatan isa simatu,

    Ergaa keenya ni fudhatu.

    Yaanni sirriin jireenya bara baraaf

    Qaban ni kaasa tajaajilaaf.

    Maal dubbanna jechuun hin sodaatinaa,

    Isin wajjin ni taʼa Waaqni.

    Deebii gurratti tolu yoo deebistan

    Ni harkifamu garraamonni.

(Dabalataan, HoE. 13:48; 16:14; Qol. 4:6 ilaali.)