FAARFANNAA 78
‘Dubbii Waaqayyoo Barsiisuu’
-
1. Dubbii Waaqayyoo barsiisuun
Nama gammachiisa.
Hojii kanarrattʼ hirmaachuun
Guddaa dha buʼaansaa.
Fakkeenya Yesuus hordofna,
Jaalalaan barsiisna.
Waaqatti dhihaachuu dandaʼu
Namoonni barsiisnu.
-
2. Dubbii Waaqaa waan barsiisnuuf
Gaarii gochuuf yaalla,
Taanaan dhugaa akka qabnu
Argu warri alaa.
Cimnee qorra Dubbii Waaqaa,
Misiraachoo qaba.
Kennaa guddaa kana kennina
Barannee jalqaba.
-
3. Dubbiisaa akka barsiisnu,
Waan feenu nuu kenna.
Gargaarsasaa yoo gaafanne,
Nu dhagaʼa beekna.
Dubbii isaa ni jaallanna;
Beekna dhugaa taʼuu.
Warra barsiisnu haa jaallannu,
Barsiisota taʼu!
(Dabalataan, Far. 119:97; 2 Xim. 4:2; Tit. 2:7; 1 Yoh. 5:14 ilaali.)