FAARFANNAA 82
‘Ifni Keessan haa Ifu’
-
1. Yesuus ajajeera
Akka ibsinu,
Ifa keenya hundaaf
Akkuma aduu.
Yaada nagaa barre,
Dubbii Waaqaarraa.
Yeroo nama barsiisnu
Ifasaa hirra.
-
2. Ergaa Mootummichaa
Hundi haa simu;
Nu durattʼ haa ifu
Yeroo lallabnu.
Nu gaggeessa ifni
Dubbicha keessaa.
Kansaanii ti filannoon
Ni geenya hundaan.
-
3. Ifa keenya ibsa
Gaarummaanillee,
Dubbii nuu bareecha
Akkuma callee.
Waan gaarii gochuudhaan
Ibsuu ʼtti fufna,
Taanaan yoomiyyuu Waaqaaf
Gammachuu fidna.
(Dabalataan, Far. 119:130; Mat. 5:14, 15, 45; Qol. 4:6 ilaali.)