FAARFANNAA 84
Bakka Gargaarsi Barbaachisutti Tajaajiluu
-
1. Gammachuu fi milkaaʼinni
Karaa ʼrgamu beeka Waaqni.
Carraa hedduu nuuf baneera
Tajaajilaaf, sochii biraaf.
(BUUSAA)
Gargaarsa ni goona,
Waaqaaf kennina.
Iddoo barbaachisu ni deemna;
fedhaan hojjenna.
-
2. Biyya hunda hojiin jira.
Barbaachisnaan ni gargaarra.
Hirmaannaa gochuu barbaanna.
Jaalala ni argisiisna.
(BUUSAA)
Gargaarsa ni goona,
Waaqaaf kennina.
Iddoo barbaachisu ni deemna;
fedhaan hojjenna.
-
3. As dhihoottis ni ijaarra,
Hojii haaraa barree yaalla.
Afaan haaraa ni baranna
Misiraachoo hundattʼ himna.
(BUUSAA)
Gargaarsa ni goona,
Waaqaaf kennina.
Iddoo barbaachisu ni deemna;
fedhaan hojjenna.
(Dabalataan, Yoh. 4:35; HoE. 2:8; Rom. 10:14 ilaali.)