FAARFANNAA 87
Kottaa Haaromaa
-
1. Addunyaa mancaʼe keessa jiraanna;
Namoonni Waaqa hin beekne.
Qajeelfamni gaariin nu barbaachisa;
Hin milkoofnu ofiin deemnee.
Walgaʼiiwwan keenya nama haaromsu;
Abdii keenya nuu dhugoomsu.
Dubbii hojiidhaaf kakaasu dhageenya,
Itti fufuuf humna ʼrganna.
Waan Yihowaan nu ajaje hin dhiisnu;
Fedhasaa guutuu barbaanna.
Walgaʼiirratti waan sirrii baranna;
Caalaatti dhugaa jaallanna.
-
2. Yihowaan waan nu barbaachisu beeka;
Gorsasaa fudhachuu qabna.
Ogummaa akka qabnu argisiisna
Walgaʼiif yeroo ramanna.
Barsiisa obbolootaa haa hordofnu,
Amantiidhaan akka cimnu.
Obbolootarraa gargaarsa arganna,
Kophaa keenya miti beekna.
Yeroo gammachiisaa eeggachaa jirra,
Hin fagaannu obbolaarraa.
Buluu baranna ogummaa Waaqaatiin
Walgaʼiirratti argamnaan.
(Dabalataan, Far. 37:18; 140:1; Fak. 18:1; Efe. 5:16; Yaq. 3:17 ilaali.)