Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 92

Iddoo Maqaa Keetiin Waamamu

Iddoo Maqaa Keetiin Waamamu

(1 Seenaa 29:16)

  1. 1. Yihowaa ulfina guddaa dha,

    Maqaa keef ijaaruun mana!

    Ulfina kee akka dabaluuf

    Gammachuudhaan sii kennina.

    Wanti sii kenninu kamiyyuu,

    Kan kee ture durumayyuu.

    Dandeettii, qabeenyaa fi humna,

    Garaa guutuudhaan sii laanna.

    (BUUSAA)

    Siif kennine iddoo kana,

    Haa beeksisu maqaa kee.

    Kana siif murteessineerra;

    Fudhu haa taʼu kan kee.

  2. 2. Iddoo kana ulfina keetiif

    Akka taʼu kennine siif.

    Kan si waaqessan baayʼatanii

    Weedduu kee haa dabalani.

    Iddoo kana waan sii kennineef,

    Kunuunsa addaa ni goonaaf.

    Ergaa lallabnu deggeruudhaan,

    Dhugaa haa baʼu nuu wajjin.

    (BUUSAA)

    Siif kennine iddoo kana,

    Haa beeksisu maqaa kee.

    Kana siif murteessineerra;

    Fudhu haa taʼu kan kee.