Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 96

Kitaabni Qulqulluun Qabeenya Guddaa Dha

Kitaabni Qulqulluun Qabeenya Guddaa Dha

(Fakkeenya 2:1, 4)

  1. 1. Kitaabni guddaan adda taʼe jira,

    Nagaa, gammachuu fi abdii kenna.

    Yaannisaa humna guddaa kan qabu dha;

    “Duʼaa” jiraachisa, ija “bana.”

    Kitaabni kun Kitaaba Qulqulluu dha.

    Namoota Yihowaa jaallatantu

    Geggeessaa hafuurasaatiin barreesse,

    Hafuurichatu isaan kakaase.

  2. 2. Waaʼee uumamawwan Waaqaa galmeessan,

    Hawaan humnasaatiin argamuusaa.

    Namni cubbuu malee ʼkka ture himan,

    Booda garuu Jannanni baduusaa.

    Waaʼee maleekaa tokkoos ibsaniiru

    Taʼuusaa Yihowaadhaan morkataa.

    Morkiin kun cubbuu fi gaddatti geesse;

    Yihowaan dhiheenyattʼ injifata.

  3. 3. Amma gammaduuf sababii ni qabna:

    Mootiin Waaqni muude bulchaa jira.

    Mootummichi eebba akka nuu fidu

    Misiraachoo hundattʼ himaa jirra.

    Kun hundi kitaabicharrattʼ argama;

    Maaddii qulqulluu dha ni sooranna.

    Nagaa hubannaadhaa ol taʼe kenna;

    Akka ʼsa dubbisnu nu affeera.

(Dabalataan, 2 Xim. 3:16; 2 Phe. 1:21 ilaali.)