Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 97

Jireenyi Dubbii Waaqayyoo Irratti Hundaaʼa

Jireenyi Dubbii Waaqayyoo Irratti Hundaaʼa

(Maatewos 4:4)

  1. 1. Dubbii Yihowaa irratti

    Hundaaʼa jireenyi.

    Dubbichaan jiraachuu qabna;

    Hin gaʼu buddeenni.

    Nagaa fi gammachuu qabna,

    Eebba guddaa ʼrganna.

    (BUUSAA)

    Buddeeniin qofa hin taʼu,

    Dubbichaan jiraanna.

    Waan barbaachisu arganna,

    Dubbichaan jiraanna.

  2. 2. Dubbichi waaʼee namoota

    Amanamoo durii,

    Waaʼee cimina isaaniis

    Dubbata waan sirrii.

    Waaʼee ʼsaanii yoo dubbisnu

    Jabina arganna.

    (BUUSAA)

    Buddeeniin qofa hin taʼu,

    Dubbichaan jiraanna.

    Waan barbaachisu arganna,

    Dubbichaan jiraanna.

  3. 3. Guyyaa guyyaadhaan dubbisnaan,

    Nu cimsa Yihowaan.

    Yeroo rakkoon nurra gaʼu,

    Ogummaa nuu kenna.

    Waan dubbisnuuf waan dhageenyu

    Ni dinqisiifanna.

    (BUUSAA)

    Buddeeniin qofa hin taʼu,

    Dubbichaan jiraanna.

    Waan barbaachisu arganna,

    Dubbichaan jiraanna.

(Dabalataan, Iya. 1:8; Rom. 15:4 ilaali.)