FAARFANNAA 98
Kitaabni Qulqulluun Hafuuraan Barreeffame
-
1. Dubbiin Waaqaa ija bana,
Ifa godha dukkana.
Yeroo hundumaa hordofnaan,
Bilisa nu baasa dhugaan.
-
2. Hafuuraan nuuf barreessise,
Waan nurraa fedhu ibse.
Dubbichi nama kakaasa;
Wanta hedduu nu barsiisa.
-
3. Dubbii Abbaa biraa dhufeen,
Jaalalasaa hubanne.
Daandii Waaqaarraa hin gorru,
Guyyaa hunda yoo dubbisne.
(Dabalataan, Far. 119:105; Fak. 4:13 ilaali.)