Dhimma ijoo ta'etti seeni

Fakkii saatalaayitiidhaan kaafamee fi miidhaa obomboleettiin Yaasaa jedhamu odolawwan Fiijii irraan gaʼe argisiisu

AMAJJII 7, 2021
FIIJII

Obomboleettiin Yaasaa Jedhamu Fiijii Irratti Miidhaa Geessise

Obomboleettiin Yaasaa Jedhamu Fiijii Irratti Miidhaa Geessise

Iddoo

Fiijii

Balaa

  • Kamisa, Muddee 17, 2020, obomboleettiin Yaasaa jedhamuu fi Vaanuʼaa Leevuu ishii odolawwan Fiijii keessa guddina ishiitiin sadarkaa lammaffaa irratti argamtu rukute lafti akka sigigaatu godhee ture

  • Yaasaan obomboleettii Fiijii rukute keessaa seenaa Fiijii keessatti guddina isaatiin isa lammaffaa dha. Qilleensi isaa saʼaatiitti kiilomeetira 260 kan deemu akka ture gabaafameera

  • Bakkawwan balaan kun itti uumame yoo xinnaate gumiiwwanii fi gareewwan fagaatanii argaman gara 30tu jira

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota keenya irra gaʼe

  • Obboloota ykn obboleettota keessaa namni miidhame hin jiru

  • Gabaasa jalqaba dhihaate irratti maatiiwwan 20 taʼan qeʼee isaanii irraa akka buqqaʼan ibsameera

  • Obomboleettiin kun midhaan madda nyaataa babalʼistoota 430 taʼanii fi naannoo sana jiraatanii irratti mancaʼiinsa guddaa geessiseera

Miidhaa qabeenya irra gaʼe

  • Manneen 10 diigamaniiru

  • Manneen 25 irra miidhaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 1 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii gargaarsaa

  • Waajjirri damee Fiijii Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa sadii gurmeesseera. Koreewwan kunneen obboloota miidhaan isaan irra gaʼeef wanta barbaachisu, jechuunis bishaan, uffata, nyaataa fi dunkaana yeroodhaaf keessa jiraatan isaaniif kennaniiru. Kana malees, gareewwan kunneen obboloonni qeʼee isaaniitii buqqaʼan bakka yeroodhaaf keessa turan akka argatan godhaniiru

  • Bakka buutonni waajjira damee Fiijii fi ilaaltonni ol aanaa aanaa naannoo sana jiran obboloota miidhaan isaan irra gaʼee jajjabeessaa jiru

  • Obboloonni hojii gargaarsaa kana irrattis taʼe obboloota dhaqanii jajjabeessuu irratti hirmaatan hundi qajeelfama COVID-19 irraa of eeguu ilaalchisee kenname hojii irra oolchaniiru

Obboloonnii fi obboleettonni keenya obomboleettii cimaa taʼe kanaan miidhaa guddaan kan isaan irra gaʼe taʼus, yaadni Faarfannaa 46:1 irra jiruu fi “Waaqayyo iddoo kooluu itti gallu [dha]” jedhu dhugaa taʼuu isaa hubataniiru