Dhimma ijoo ta'etti seeni

Suuraa obboleessi keenya Shamiil Kaakimoov hidhamuu isaa dura Guraandhala 2019⁠tti kaʼe

BITOOTESSA 4, 2021
TAAJIKISTAAN

Komiishiniin Idil Addunyaa Yuunaayitid Isteetis Keessatti Argamuu fi Bilisummaa Amantaa Irratti Hojjetu Obboleessi Keenya Shamiil Kaakimoov Mana Hidhaatii Akka Gadhiifamu Gaafate

Komiishiniin Idil Addunyaa Yuunaayitid Isteetis Keessatti Argamuu fi Bilisummaa Amantaa Irratti Hojjetu Obboleessi Keenya Shamiil Kaakimoov Mana Hidhaatii Akka Gadhiifamu Gaafate

Komiishinara USCIRF a kan taʼe Nurii Turkeel obboleessi keenya Shamiil Kaakimoov inni waggaa 70 taʼe akka gadhiifamuuf gaafachuuf akka jedhu Guraandhala 24, 2021⁠tti beeksise. Yeroo sanatti Turkeel akkana jechuudha dubbatee ture: “Bara 2019 irraa eegalee maanguddoon dhukkubsachaa jiru kun mana dulloomaa fi namoonni hedduun keessa jiran keessatti waggaa torbaa fi walakkaadhaaf akka hidhamu itti murteeffameera. Adabni akkasii Dhugaa Baatuun Yihowaa amantaa isaa karaa naga qabeessa taʼeen geggeeffatuu fi sobaan himatame kun akka duʼuuf sababa taʼa.”

Obboleessi keenya Kaakimoov inni haati manaa isaa jalaa duute, Dhugaa Baatota Yihowaa 24 Amajjii fi Guraandhala 2019⁠tti kaaba Taajikistaanitti dippaartimentii yakka toʼatuun (DOCC) qorataman keessaa tokko ture. Dippaartimentiin kun obboleessa keenya Kaakimoov hidhuudhaan jaarmiyaan keenya akkamitti akka qindaaʼee fi Dhugaa Baatuu Yihowaa kan taʼe akkamitti akka taʼe isa gaafateera.

Obboleessi keenya Kaakimoov qorannaadhaaf saʼaatii saddeetiif akka turu kan taasifame yeroo taʼu yaalii baqaqsanii hodhuu dhiheenyatti isaaf godhameef yaalii fayyaa akka hin arganne taasifameera. Dhiibbaa dhiigaa cimaa taʼeenis dhiphachaa jira. Dhuma irrattis poolisoonni gara mana isaatti erga isa geessanii booda meeshaa elektiroonikii, Kitaaba Qulqulluu, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaranii fi paaspoortii jalaa fuudhaniiru. Obboleessi keenya Kaakimoov paaspoortii isaa malee maallaqa sooromaa isaaf kaffalamu fudhachuus taʼe gatii yaalii fayyaatiif isa barbaachisu kaffaluu hin dandaʼu.

Guraandhala 28, 2019⁠tti, Manni Murtii Magaalaa Kuujaandi obboleessi keenya Kaakimoov mana hidhaa hanga murtiin kennamutti keessa tursiisan keessa akka turu murteesse. Yeroo turmaataa isaa siʼa sadii jalaa jijjiiraniiru. Hanga qorannoo isa irratti geggeessanii mana murtiitti isa dhiheessanittis bakka turmaataa kana keessa ture.

Fulbaana 10, 2019⁠tti, yakkamaa jedhamee himatamuudhaan waggaan torbaa fi walakkaa itti murteeffame. Adoolessa 4, 2020⁠tti geggeessan mana hidhaa, seera Taajikistaan irratti hundaaʼuudhaan hidhaan obboleessa keenya Kaakimoov irratti murteeffame gara waggaa lamaa fi jiʼa sadii fi guyyaa kudhanitti akka hirʼifamu godheera. Kanaafuu, Caamsaa 16, 2024⁠tti mana hidhaatii ni baʼa.

Yihowaan obboloonnii fi obboleettonni keenya ariʼatama obsaa fi gammachuudhaan akka dandamatan akka isaan gargaaru beekna.—Faarfannaa 20:2.

a Komiishinii Idil Addunyaa Yuunaayitid Isteetis Keessatti Argamuu fi Bilisummaa Amantaa Irratti Hojjetu