Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFFII 6

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Masiihichaa Raajii Akkamii Dubbate?

RAAJII

“Yaa Beetaliheem Efraataa, . . . inni Israaʼel irratti bulchaa taʼu . . . si keessaa anaaf ni baʼa.”

Miikiyaas 5:2

RAAWWII

“Bara Heroodis Mootichaatti, Yesuus Beetaliheem ishii Yihudaatti erga dhalatee booda, namoonni urjii lakkaaʼan Baha irraa gara Yerusaalem dhufan.”

Maatewos 2:1

RAAJII

“Uffata koo ni hihiratan, huccuu koo irrattis carraa ni buufatan.”

Faarfannaa 22:⁠18

RAAWWII

“Loltoonni sun Yesuusiin muka irratti erga fannisanii booda uffatawwan isaa warra inni irraan uffatu fudhatanii . . . bakka afuritti hiran . . . Uffanni inni jalatti uffatu garuu gubbaadhaa hamma gadiitti walitti kan dhaʼame ture malee hodhaa hin qabu ture. Kanaafuu isaan, ‘Kottaa, uffata kana hin tarsaasnu, eenyuuf akka kennamu murteessuuf carraa haa buufannu’ waliin jedhan.”

Yohaannis 19:23, 24

RAAJII

“Inni lafeewwan isaa hundumaa ni eega; isaan keessaa tokko illee hin cabne.”

Faarfannaa 34:⁠20

RAAWWII

“Yommuu gara Yesuus dhufan garuu, inni dursee duʼuu isaa waan arganiif miila isaa hin cabsine.”

Yohaannis 19:⁠33

RAAJII

“Yakka keenyaaf ni waraaname.”

Isaayyaas 53:5

RAAWWII

“Loltoota sana keessaa tokko cinaacha isaa eeboodhaan yommuu waraanu, yeruma sana dhiignii fi bishaan keessaa yaaʼe.”

Yohaannis 19:⁠34

RAAJII

“Mindaa koo, meetii sheeqilii 30 naaf kaffalan.”

Zakkaariyaas 11:12, 13

RAAWWII

“Sana booda warra Kudha Lamaan keessaa tokko kan taʼe Yihudaan inni Asqoroticha jedhamu gara dura buutota lubootaa dhaqee, ‘Yoon isa dabarsee isinitti kenne maal naa kennitu?’ isaaniin jedhe. Isaanis saantima meetii 30 isaaf kennuuf waadaa galan.”

Maatewos 26:14, 15; 27:5