Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFFII 12

Namoota Duʼan Ilaalchisee Abdii Akkamii Qabna?

“Kana hin dinqisiifatinaa; sababiin isaas, saʼaatiin warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼan ni dhufa . . . awwaala keessaa ni baʼu.”

Yohaannis 5:​28, 29

“Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa [ni kaafamu].”

Hojii Ergamootaa 24:⁠15

“Warri duʼan, warri xixinnaanii fi warri guguddaan teessoo sana dura dhaabbatanii nan arge; maraawwan kitaabaas ni banaman. Taʼus, maraan kitaabaa kan biraan ni baname, innis kitaaba jireenyaa ti. Warri duʼanis akkuma maraa kitaabaa sana keessatti barreeffametti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname. Galaanni, warra duʼanii isa keessa jiran ni kenne; duutii fi Awwaallis warra duʼanii isaan keessa jiran ni kennan; isaanis dhuunfaatti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.”

Mulʼata 20:12, 13