Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaaba Saamuʼel Isa Tokkoffaa

Boqonnaawwan

Qabiyyee Kitaabichaa

  • 1

    • Elqaanaa fi haadhotii manaa isaa (1-8)

    • Haannaan ishiin dhala hin qabne, ilma argachuuf kadhatte (9-18)

    • Saamuʼel ni dhalate; Yihowaadhaafis ni kenname (19-28)

  • 2

    • Kadhannaa Haannaa (1-11)

    • Cubbuu ilmaan Eelii lamaan hojjetan (12-26)

    • Yihowaan mana Eelii irratti murtii dabarse (27-36)

  • 3

    • Saamuʼel raajii taʼe (1-21)

  • 4

    • Filisxeemonni Taaboticha ni boojiʼan (1-11)

    • Eeliinii fi ilmaan isaa ni duʼan (12-22)

  • 5

    • Taabotichi yeroo biyya Filisxeem turetti (1-12)

      • Daagon ni salphifame (1-5)

      • Filisxeemonni dhaʼichaan rukutaman (6-12)

  • 6

    • Filisxeemonni Taaboticha gara Israaʼelitti deebisan (1-21)

  • 7

    • Taabotichi Qiriyaat Yeʼariim keessa yeroo turetti (1)

    • Saamuʼel gorsa, ‘Yihowaa qofa tajaajilaa’ jedhu kenne (2-6)

    • Injifannoo Israaʼelonni Misphaatti argatan (7-14)

    • Saamuʼel Israaʼelotaaf abbaa murtii taʼe (15-17)

  • 8

    • Israaʼelonni mootiin akka isaaniif muudamu gaafatan (1-9)

    • Saamuʼel sabicha akeekkachiise (10-18)

    • Yihowaan gaaffii mootiin akka isaaniif muudamu gaafataniif tole jedhe (19-22)

  • 9

    • Saamuʼel Saaʼolii wajjin wal arge (1-27)

  • 10

    • Saaʼol mootii akka taʼu dibame (1-16)

    • Saaʼol sabicha duratti dhiheeffame (17-27)

  • 11

    • Saaʼol Amoonota injifate (1-11)

    • Saaʼol mootii taʼuun isaa irra deebiʼamee labsame (12-15)

  • 12

    • Haasaa xumuraa Saamuʼel kenne (1-25)

      • ‘Wantoota homaa of keessaa hin qabne hin hordofinaa’ (21)

      • Yihowaan saba isaa hin dhiisu (22)

  • 13

    • Saaʼol loltoota filate (1-4)

    • Saaʼol of tuulummaadhaan tarkaanfii fudhate (5-9)

    • Saamuʼel Saaʼoliin ifate (10-14)

    • Israaʼelonni meeshaa waraanaa hin qaban turan (15-23)

  • 14

    • Gocha gootummaa Yonaataan Mikmaashitti raawwate (1-14)

    • Waaqayyo diinota Israaʼel ni balleesse (15-23)

    • Saaʼol ariifatee kakuu gale (24-46)

      • Namoonni Saaʼol foon dhiiga isaa wajjin nyaatan (32-34)

    • Waraanawwan Saaʼol geggeesse; maatii isaa (47-52)

  • 15

    • Saaʼol ajajamuu diduudhaan Agaagiin ajjeesuu dhiise (1-9)

    • Saamuʼel Saaʼoliin ifate (10-23)

      • ‘Ajajamuun aarsaa irra ni caala’ (22)

    • Saaʼol mootii akka hin taane tuffatame (24-29)

    • Saamuʼel Agaagiin ajjeese (30-35)

  • 16

    • Saamuʼel mootii itti aanu akka taʼuuf Daawitiin dibe (1-13)

      • ‘Yihowaan garaa namaa ilaala’ (7)

    • Hafuurri Waaqayyoo Saaʼol irraa ni fagaate (14-17)

    • Daawit nama Saaʼoliif baganaa taphatu taʼe (18-23)

  • 17

    • Daawit Goliyaadiin moʼe (1-58)

      • Goliyaad Israaʼelotatti qoose (8-10)

      • Daawit Goliyaadiin loluuf qophaaʼe (32-37)

      • Daawit maqaa Yihowaatiin lole (45-47)

  • 18

    • Michummaa Daawitii fi Yonaataan (1-4)

    • Daawit injifannoo argachuun isaa Saaʼoliin hinaafsise (5-9)

    • Saaʼol Daawitiin ajjeesuuf yaalii godhe (10-19)

    • DDaawit Miikaal intala Saaʼoliin fuudhe (20-30)

  • 19

    • Saaʼol Daawitiin jibbuu isaa itti fufe (1-13)

    • Daawit Saaʼol jalaa baqate (14-24)

  • 20

    • Amanamummaa Yonaataan Daawititti argisiise (1-42)

  • 21

    • Daawit Noobitti daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu nyaate (1-9)

    • Daawit Gaat keessatti akka maraataa taʼe (10-15)

  • 22

    • Daawit yeroo Adulaamii fi Misphaa turetti (1-5)

    • Saaʼol luboota Noob ajjeesise (6-19)

    • Abiyaataar ni baqate (20-23)

  • 23

    • Daawit magaalaa Qeyilaa ni oolche (1-12)

    • Saaʼol Daawitiin ni ariʼe (13-15)

    • Yonaataan Daawitiin jajjabeesse (16-18)

    • Daawit xinnumaaf Saaʼol jalaa miliqe (19-29)

  • 24

    • Daawit Saaʼoliin ajjeesuu dhiise (1-22)

      • Daawit isa Yihowaan dibe ni kabaje (6)

  • 25

    • Saamuʼel ni duʼe (1)

    • Naabaal namoota Daawit simachuu dide (2-13)

    • Abigaayil ogummaadhaan tarkaanfii fudhatte (14-35)

      • ‘Korojoo jireenyaa Yihowaa bira jiru’ (29)

    • Yihowaan Naabaal isa hubannaa hin qabne ni rukute (36-38)

    • Abigaayil haadha manaa Daawit taate (39-44)

  • 26

    • Daawit ammas Saaʼoliin ajjeesuu dhiise (1-25)

      • Daawit isa Yihowaan dibe ni kabaje (11)

  • 27

    • Filisxeemonni Daawitiif Siqlaagiin kennan (1-12)

  • 28

    • Saaʼol eker dubbistuu Een Door keessatti argamtu tokko bira dhaqe (1-25)

  • 29

    • Filisxeemonni Daawitiin shakkan (1-11)

  • 30

    • Amaaleqonni Siqlaagiin weeraranii ibiddaan guban (1-6)

      • Daawit Waaqayyo irraa humna argate (6)

    • Daawit Amaaleqota ni moʼe (7-31)

      • Daawit warra boojiʼaman deebisee fudhate (18, 19)

      • Wanta boojiʼame ilaalchisee dambii Daawit kenne (23, 24)

  • 31

    • Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan ni duʼan (1-13)