Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaaba Iyyoob

Boqonnaawwan

Qabiyyee Kitaabichaa

  • 1

    • Amanamummaa fi badhaadhina Iyyoob (1-5)

    • Seexanni kakaʼumsa Iyyoob irratti gaaffii kaase (6-12)

    • Iyyoob qabeenya isaa fi ijoollee isaa dhabe (13-19)

    • Iyyoob Waaqa hin komanne (20-22)

  • 2

    • Seexanni ammas kakaʼumsa Iyyoob irratti gaaffii kaase (1-5)

    • Seexanni qaama Iyyoob madaadhaan akka rukutu heyyamameef (6-8)

    • Haati manaa Iyyoob, “Waaqa arrabsiitii duʼi!” jette (9, 10)

    • Michoonni Iyyoob sadan gara isaa dhufan (11-13)

  • 3

    • Iyyoob guyyaa itti dhalate abaare (1-26)

      • Rakkinni maaliif akka isa irra gaʼu gaafate (20, 21)

  • 4

    • Dubbii Eliifaaz isa jalqabaa (1-21)

      • Amanamummaa Iyyoobitti qoose (7, 8)

      • Ergaa hafuura tokko irraa dhufe dubbate (12-17)

      • ‘Waaqayyo tajaajiltoota isaa irratti amantii hin qabu’ (18)

  • 5

    • Dubbiin Eliifaaz inni jalqabaa itti fufe (1-27)

      • ‘Waaqayyo warra ogeeyyii taʼan haxxummaa isaaniitiin isaan qabata’ (13)

      • ‘Iyyoob adaba Waaqayyoo tuffachuu hin qabu’ (17)

  • 6

    • Deebii Iyyoob (1-30)

      • Komiin isaa sirrii akka taʼe dubbate (2-6)

      • Jajjabeessitoonni isaa gantoota dha (15-18)

      • “Dubbii dhugaan nama hin dhukkubsu!” (25)

  • 7

    • Iyyoob deebii kennuu isaa itti fufe (1-21)

      • Jireenyi akkuma hojii dirqamaa ti (1, 2)

      • “Ati akeeka kee kan na godhatte maaliifi?” (20)

  • 8

    • Dubbii Bildaad isa jalqabaa (1-22)

      • Ilmaan Iyyoob cubbuu akka hojjetan dubbate (4)

      • ‘Qulqulluu turte utuu taʼee Waaqayyo si eega ture’ (6)

      • Iyyoob nama Waaqa hin qabne akka taʼe dubbate (13)

  • 9

    • Deebii Iyyoob (1-35)

      • Namni duʼu Waaqaa wajjin wal falmuu hin dandaʼu (2-4)

      • ‘Waaqayyo wantoota qoramuu hin dandeenye ni hojjeta’ (10)

      • Namni Waaqaa wajjin wal falmuu hin dandaʼu (32)

  • 10

    • Iyyoob deebii kennuu isaa itti fufe (1-22)

      • ‘Waaqayyo kan na mormu maaliifi?’ (2)

      • Waaqni Iyyoob irraa adda dha (4-12)

      • ‘Utuun xinnoo boqonnaa argadhee’ (20)

  • 11

    • Dubbii Zofaar isa jalqabaa (1-20)

      • Iyyoob dubbii gatii hin qabne akka dubbatu ibse (2, 3)

      • Hammina akka of irraa fageessu Iyyoobitti dubbate (14)

  • 12

    • Deebii Iyyoob (1-25)

      • “Ani isinii gad miti” (3)

      • Ani “nama itti kolfamu taʼeera” (4)

      • ‘Ogummaan Waaqayyo bira jira’ (13)

      • Waaqni abbootii murtii fi mootota irra ni caala (17, 18)

  • 13

    • Iyyoob deebii kennuu isaa itti fufe (1-28)

      • ‘Utuun Waaqayyoo wajjin dubbadhee nan filadha’ (3)

      • ‘Isin ogeeyyii fayyaa gatii hin qabne dha’ (4)

      • “Ani sirrii akkan taʼe beeka” (18)

      • Waaqni maaliif akka diinaatti akka isa ilaalu gaafate (24)

  • 14

    • JIyyoob deebii kennuu isaa itti fufe (1-22)

      • Namni umuriin isaa gabaabaa fi rakkinaan kan guutame dha (1)

      • “Mukti illee abdii qaba” (7)

      • “Maal taʼa, Awwaala keessatti utuu na dhoksitee!” (13)

      • “Namni yoo duʼe deebiʼee jiraachuu dandaʼaa?” (14)

      • Waaqni hojii harka isaatii ni yaada (15)

  • 15

    • Dubbii Eliifaaz isa lammaffaa (1-35)

      • Iyyoob Waaqa akka hin sodaanne dubbate (4)

      • Iyyoob akka malee kan ofitti amanamu taʼuu isaa dubbate (7-9)

      • ‘Waaqayyo qulqulloota isaa irratti amantii hin qabu’ (15)

      • ‘Dhiphinni nama hamaa irra gaʼa’ (20-24)

  • 16

    • Deebii Iyyoob (1-22)

      • ‘Isin jajjabeessitoota rakkina uumtani dha!’ (2)

      • Waaqni akeeka godhee akka isa dhaabe dubbate (12)

  • 17

    • Iyyoob deebii kennuu isaa itti fufe (1-16)

      • “Qoostonni natti marsan” (2)

      • “Kanan tuffatamu akkan taʼu godheera” (6)

      • “Awwaalli mana koo ni taʼa” (13)

  • 18

    • Dubbii Bildaad isa lammaffaa (1-21)

      • Carraa cubbamootaa dubbate (5-20)

      • Iyyoob Waaqa akka hin beekne dubbate (21)

  • 19

    • Deebii Iyyoob (1-29)

      • Ifannaa “michoota” isaa fudhachuu dide (1-6)

      • Akka dhiifame dubbate (13-19)

      • ‘Inni na furu jiraataa dha’ (25)

  • 20

    • Dubbii Zofaar isa lammaffaa (1-29)

      • Iyyoob akka isa arrabse isatti dhagaʼame (2, 3)

      • Iyyoob hamaa akka taʼe dubbate (5)

      • Iyyoob cubbuutti akka gammadu dubbate (12, 13)

  • 21

    • Deebii Iyyoob (1-34)

      • ‘Hamoonni badhaadhota kan taʼan maaliifi?’ (7-13)

      • “Jajjabeessitoota” isaa saaxile (27-34)

  • 22

    • Dubbii Eliifaaz isa sadaffaa (1-30)

      • “Namni Waaqa fayyaduu dandaʼaa?” (2, 3)

      • Iyyoob sassataa fi haqa kan jalʼisu akka taʼe dubbate (6-9)

      • ‘Gara Waaqayyotti deebiʼi, deebitees ni haaromta’ (23)

  • 23

    • Deebii Iyyoob (1-17)

      • Dhimma isaa Waaqa duratti dhiheeffachuu barbaade (1-7)

      • Waaqa argachuu akka hin dandeenye dubbate (8, 9)

      • “Karaa irraa utuu hin gorin daandii isaa irra buʼuu koo itti fufeera” (11)

  • 24

    • Iyyoob deebii kennuu isaa itti fufe (1-25)

      • ‘Waaqayyo yeroo kan hin ramadne maaliifi?’ (1)

      • Waaqni hammina akka heyyamu dubbate (12)

      • Cubbamoonni dukkana jaallatu (13-17)

  • 25

    • Dubbii Bildaad isa sadaffaa (1-6)

      • ‘Namni akkamitti Waaqayyo duratti qulqulluu taʼuu dandaʼa?’ (4)

      • Namni amanamaa taʼuun isaa gatii akka hin qabne dubbate (5, 6)

  • 26

    • Deebii Iyyoob (1-14)

      • “Ati isa humna hin qabne akkam gargaarte!” (1-4)

      • ‘Waaqni lafa homtuu utuu jala hin jiraatiin ni rarraase’ (7)

      • “Wantoonni kun fiixee daandiiwwan isaa qofa dha” (14)

  • 27

    • Iyyoob amanamummaa isaa eeguuf murteesse (1-23)

      • “Amanamummaa koo hin dhiisu” (5)

      • Namni Waaqa hin qabne abdii hin qabu (8)

      • “Dubbiin keessan guutummaatti duwwaa kan taʼe maaliifi?” (12)

      • Namni hamaan harka duwwaa hafa (13-23)

  • 28

    • Iyyoob albuudota lafaa ogummaa wajjin wal bira qabee ibse (1-28)

      • Carraaqqii namni albuuda baasuuf godhu (1-11)

      • Ogummaan callee gatii guddaa qabu irra ni caala (18)

      • Ogummaa dhugaan Yihowaa sodaachuu dha (28)

  • 29

    • Iyyoob yeroo gammachiisaa qorumsa isaa dura dabarse yaadate (1-25)

      • Karra magaalattii duratti kabajamaa ture (7-10)

      • Yeroo haqaan itti deddeebiʼaa ture (11-17)

      • Namni hundi gorsa isaa ni dhagaʼa ture (21-23)

  • 30

    • Iyyoob haalli isaa akka jijjiirame ibse (1-31)

      • Warri gatii hin qabne itti qoosan (1-15)

      • Waaqa irraa gargaarsa kan hin arganne fakkaata (20, 21)

      • “Gogaan koo gurraachaʼe” (30)

  • 31

    • Iyyoob amanamaa akka taʼe falme (1-40)

      • “Ija koo wajjin kakuu galeera” (1)

      • Waaqni akka isa madaalu gaafate (6)

      • Ejja irraa akka fagaatu dubbate (9-12)

      • Maallaqa kan jaallatu akka hin taane dubbate (24, 25)

      • Waaqa tolfamaa kan waaqeffatu akka hin taane dubbate (26-28)

  • 32

    • Eliihuun inni dargaggeessa taʼe dubbachuu jalqabe (1-22)

      • Iyyoobittii fi michoota Iyyoobitti aare (2, 3)

      • Dubbachuu isaa dura kabajaan eegeera (6, 7)

      • Umurii qofti nama ogeessa hin godhu (9)

      • Eliihuun dubbachuu barbaade (18-20)

  • 33

    • Eliihuun Iyyoob qajeelaa waan of godheef isa ifate (1-33)

      • Furiin isaaf ni argame (24)

      • Jabina bara dargaggummaatti deebiʼuu (25)

  • 34

    • Eliihuun haqaa fi daandiiwwan Waaqaa deggere (1-37)

      • Iyyoob Waaqni akka haqa isa dhowwate dubbateera (5)

      • Waaqni dhugaan matumaa hammina hin raawwatu (10)

      • Iyyoob beekumsi kan itti hirʼate dha (35)

  • 35

    • Eliihuun sababii dogoggoraa Iyyoob dhiheesse dubbate (1-16)

      • Iyyoob Waaqa caalaa qajeelaa akka taʼe dubbate (2)

      • Waaqni ol gubbaa jira; cubbuun isa irratti dhiibbaa hin godhu (5, 6)

      • Iyyoob Waaqa eeggachuu qaba (14)

  • 36

    • Eliihuun guddina Waaqaa isa qoramee bira hin gaʼamne ol qabe (1-33)

      • Namni ajajamu ni badhaadha, namni Waaqa hin qabne ni bada (11-13)

      • ‘Barsiisaan akka Waaqaa eenyu?’ (22)

      • Iyyoob Waaqa ol qabuu qaba (24)

      • “Waaqayyo isa beekuu dandeenyu caalaa guddaa dha” (26)

      • Waaqni bokkaa fi bakakkaa ni toʼata (27-33)

  • 37

    • Humnoonni uumamaa guddina Waaqaa mulʼisu (1-24)

      • Waaqni sochii namaa dhaabsisuu dandaʼa (7)

      • ‘Hojiiwwan Waaqayyoo warra dinqisiisoo taʼan ilaali’ (14)

      • Waaqa hubachuun humna namootaatii oli (23)

      • Namni kam iyyuu ogeessa akka taʼe yaaduu hin qabu (24)

  • 38

    • Yihowaan namni xinnoo akka taʼe barsiise (1-41)

      • ‘Yommuu lafti uumametti ati eessa turte?’ (4-6)

      • Ilmaan Waaqaa gammachuudhaan iyyan (7)

      • Gaaffiiwwan waaʼee taʼeewwan uumamaa gaafataman (8-32)

      • “Seerawwan samiin ittiin bulu” (33)

  • 39

    • Uumamni bineensotaa namni wallaalaa taʼuu isaa argisiisa (1-30)

      • Reʼoota gaaraa fi gadamsa (1-4)

      • Harree bosonaa (5-8)

      • Gafarsa (9-12)

      • Guchii (13-18)

      • Farda (19-25)

      • Coroffee fi risaa (26-30)

  • 40

    • Gaaffiiwwan dabalataa Yihowaan gaafate (1-24)

      • Iyyoob wanta dubbatu akka hin qabne amane (3-5)

      • “Haqa koo ni shakkitaa?” (8)

      • Waaqni jabina Behemoot ibse (15-24)

  • 41

    • Waaqni waaʼee Lewaataan isa dinqisiisaa taʼee ibse (1-34)

  • 42

    • Iyyoob Yihowaadhaaf deebii kenne (1-6)

    • Michoonni isaa sadan ni balaaleffataman (7-9)

    • Yihowaan Iyyoobiif badhaadhina isaa ni deebise (10-17)

      • Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa Iyyoob (13-15)