Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaaba Fakkeenyaa

Boqonnaawwan

Qabiyyee Kitaabichaa

  • 1

    • Kaayyoo fakkeenyotaa (1-7)

    • Miidhaa michummaa gaarii hin taanee (8-19)

    • Ogummaa dhugaan addabaabayii irratti iyyiti (20-33)

  • 2

    • Faayidaa ogummaa (1-22)

      • Akkuma qabeenya dhokfameetti ogummaa barbaadi (4)

      • Dandeettiin yaaduu eegumsa argamsiisa (11)

      • Addaggummaan badiisa fida (16-19)

  • 3

    • Ogeessa taʼi, Yihowaatti amanami (1-12)

      • Qabeenya kee isa gatii guddaa qabuun Yihowaadhaaf ulfina kenni (9)

    • Ogummaan gammachuu argamsiisa (13-18)

    • Ogummaan tasgabbii argamsiisa (19-26)

    • Amala gaarii warra kaanitti argisiisuu qabnu (27-35)

      • Yeroo dandaʼamutti warra kaaniif wanta gaarii godhi (27)

  • 4

    • Qajeelfama gaarii abbaan tokko kenne (1-27)

      • Hundumaa caalaa ogummaa argadhu (7)

      • Daandii hamootaa irraa baqadhu (14, 15)

      • Daandiin qajeelotaa ifni isaa ittuma dabalaa deema (18)

      • “Garaa kee eeggadhu” (23)

  • 5

    • Dubartii addaggee irraa of eegi (1-14)

    • Haadha manaa tee wajjin gammadi (15-23)

  • 6

    • Akeekkachiisa wabii taʼuu ilaalchisee kenname (1-5)

    • “Yaa dhibaaʼaa nana, gara goondaa dhaqi” (6-11)

    • Nama hamaa gatii hin qabne (12-15)

    • Wantoota Yihowaan jibbu torba (16-19)

    • Dubartii amala gaarii hin taane qabdu irraa of eegi (20-35)

  • 7

    • Ajaja Waaqaa eegi, jiraadhus (1-5)

    • Dargaggeessi gowwaan ni gowwoomfame (6-27)

      • “Akka qotiyyoo qalamuuf oofamuutti” (22)

  • 8

    • Qaamni ogummaatti fakkeeffame ni dubbate (1-36)

      • ‘Ani hojiiwwan Waaqaa keessaa isa jalqabaati’ (22)

      • “Ani hojjetaa dandeettii qabu taʼee isa maddiin ture” (30)

      • “Ilmaan namootaa nan jaalladhan ture” (31)

  • 9

    • Ogummaa dhugaan affeerraa dhiheessiti (1-12)

      • “Anaan kan kaʼe guyyoonni kee hedduu ni taʼu” (11)

    • Dubartii gowwaan affeerraa dhiheessiti (13-18)

      • “Bishaan hatame ni miʼaawa” (17)

  • FAKKEENYOTA SOLOMOON (10:1–24:34)

    • 10

      • Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa (1)

      • Harki jabaatee hojjetu sooruma argamsiisa (4)

      • Dubbiin yoo baayʼate dogoggora fida (19)

      • Eebbi Yihowaa sooressa nama godha (22)

      • Yihowaa sodaachuun umurii dheeressa (27)

    • 11

      • Ogummaan warra humna isaanii beekan biratti argama (2)

      • Namni gantuun badiisa fida (9)

      • ‘Gorsitoota hedduudhaan milkaaʼinni ni argama’ (14)

      • Namni arjaan ni badhaadha (25)

      • Namni badhaadhummaa isaatti amanamu ni kufa (28)

    • 12

      • Namni adaba jibbu hubannaa hin qabu (1)

      • “Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana” (18)

      • Nagaa babalʼisuun gammachuu argamsiisa (20)

      • Arrabni sobu Yihowaa duratti jibbisiisaa dha (22)

      • Yaaddoon garaa namaa keessa jiru gad isa qaba (25)

    • 13

      • Warri gorsa barbaadan ogeeyyii dha (10)

      • Abdiin turu garaa dhukkubsa (12)

      • Ergamaa amanamaan faayidaa argamsiisa (17)

      • Ogeessaa wajjin deemuun ogeessa nama godha (20)

      • Adabni ibsa jaalalaa ti (24)

    • 14

      • Garaan gadda ofii isaa beeka (10)

      • Daandii sirrii fakkaatee gara duʼaatti geessu (12)

      • Gowwaan wanta dubbatamu hunda amana (15)

      • Michoonni sooressaa hedduu dha (20)

      • Garaan tasgabbii qabu qaamaaf jireenya kenna (30)

    • 15

      • Deebii laafaan aarii qabbaneessa (1)

      • Ijji Yihowaa bakka hunda jira (3)

      • Kadhannaan nama qajeelaa Waaqa gammachiisa (8)

      • Mariin hin jiru taanaan karoorri hin milkaaʼu (22)

      • Deebii kennuu kee dura xiinxali (28)

    • 16

      • Yihowaan kakaʼumsa namootaa ni qora (2)

      • Wanta raawwattu Yihowaatti kennadhu (3)

      • Madaalliin sirrii taʼe Yihowaa biraa argama (11)

      • Koorri kufaatii dura jira (18)

      • Harriin gonfoo miidhaginaa ti (31)

    • 17

      • Gaariidhaaf hamaa hin deebisin (13)

      • Lolli kaʼuu isaa dura achii deemi (14)

      • Michuu dhugaan yeroo hunda jaallata (17)

      • “Garaan gammade qoricha gaarii dha” (22)

      • Hubataan qusatee dubbata (27)

    • 18

      • Adda of baasuun ofittummaa dha, ogummaa dhabuu dhas (1)

      • Maqaan Yihowaa masaraa cimaa dha (10)

      • Qabeenyi dallaa eegumsaa yaadaan uumamu qofa dha (11)

      • Yaada gara lamaaniin jiru dhagaʼuun ogummaa dha (17)

      • Michuu obboleessa caalaa namatti maxxanu (24)

    • 19

      • Hubannaan aarii qabbaneessa (11)

      • Haati manaa nyakkistuun akkuma baaxii dhimmisuu ti (13)

      • Haati manaa hubattuun Yihowaa biraa argamti (14)

      • Yeroo abdiin jirutti daaʼima adabi (18)

      • Ogummaa gorsa dhagaʼuun argamsiisu (20)

    • 20

      • Daadhiin wayinii qoostuu nama godha (1)

      • Dhibaaʼaan yeroo gannaatti hin qotu (4)

      • Yaanni namaa akka bishaan gad fagoo ti (5)

      • Akeekkachiisa ariifatanii wareega wareeguu ilaalchisee kenname (25)

      • Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti (29)

    • 21

      • Yihowaan garaa mootii ni qajeelcha (1)

      • Haqni aarsaa irra ni caala (3)

      • Dhimmanii hojjechuun milkaaʼina argamsiisa (5)

      • Namni iyya rakkataa hin dhageenye iyyi isaas hin dhagaʼamu (13)

      • Ogummaan Yihowaa mormu gatii hin qabu (30)

    • 22

      • Maqaa gaariin qabeenya guddaa irra wayya (1)

      • Daaʼimummaatti leenjii argachuun umurii guutuu fayyada (6)

      • Namni dhibaaʼaan “leenci ala jira” jedhee sodaata (13)

      • Adabni gowwummaa balleessa (15)

      • Namni dandeettii qabu mootota tajaajila (29)

    • 23

      • Keessummummaadhaan yeroo simatamtu hubannaa qabaadhu (2)

      • Qabeenya duukaa hin buʼin (4)

      • Qabeenyi barrisee si biraa deemuu dandaʼa (5)

      • Namoota dhugaatii alkoolii hedduu dhuganii wajjin hin taʼin (20)

      • Dhugaatiin alkoolii akkuma bofaatti nama hidda (32)

    • 24

      • Hamootatti hin hinaafin (1)

      • Manni ogummaadhaan ijaarama (3)

      • Namni qajeelaan kufuu dandaʼa, garuu ni kaʼa (16)

      • Haaloo hin baʼin (29)

      • Hirribni hiyyummaa fida (33, 34)

  • FAKKEENYOTA SOLOMOON WARRA NAMOONNI HISQIYAAS MOOTICHAA QINDEESSANII FI GARAGALCHAN (25:1–29:27)

    • 25

      • Icciitii eeguu (9)

      • Jechoota of eeggannoodhaan filataman (11)

      • Mana namaa yeroo hunda hin dhaqin (17)

      • Mataa diinaa irra barbadaa tuuluu (21, 22)

      • Oduu gaariin akkuma bishaan qabbanaaʼaa ti (25)

    • 26

      • Amala namni dhibaaʼaan argisiisu (13-16)

      • Lola warra kaanii irraa fagaadhu (17)

      • Qoosaa nama miidhu irraa fagaadhu (18, 19)

      • Qoraan hin jiru taanaan ibiddis hin jiraatu (20, 21)

      • Dubbiin nama maqaa balleessuu akkuma nyaata miʼaawuu ti (22)

    • 27

      • Ifannaan michuu faayidaa qaba (5, 6)

      • Yaa ilma koo, garaa koo gammachiisi (11)

      • Sibiilli sibiila qara (17)

      • Bushaayee kee beeki (23)

      • Qabeenyi bara baraaf hin turu (24)

    • 28

      • Namni dhagaʼuu didu kadhannaan isaa jibbisiisaa dha (9)

      • Namni balleessaa isaa himatu araara argata (13)

      • Soorumni jarjarsuudhaan argamu yakka hin dhabu (20)

      • Sobaan nama jajuu irra ifachuu wayya (23)

      • Namni arjaan homtuu itti hin hirʼatu (27)

    • 29

      • Mucaan gadhiisii taʼe qaanii geessisa (15)

      • Mulʼanni yoo jiraachuu baate uummanni gadhiisii taʼa (18)

      • Namni aaru lola kakaasa (22)

      • Namni gad of qabu ulfina argata (23)

      • Nama sodaachuun kiyyoo dha (25)

  • 30

    • DUBBII AGUUR (1-33)

      • Hiyyeessas taʼe sooressa na hin godhin (8)

      • Wantoota matumaa hin quufne (15, 16)

      • Wantoota faanni isaanii hin argamne (18, 19)

      • Dubartii ejjituu (20)

      • Wantoota uumamaan ogeeyyii taʼan (24)

  • 31

    • DUBBII LEMUʼEL MOOTICHAA (1-31)

      • Haadha manaa kaamettii eenyutu argachuu dandaʼa? (10)

      • Jabaattee hojjetti (17)

      • Gaarummaan arraba ishii irra jira (26)

      • Ijoolleenii fi abbaan manaa ishii ishii jajatu (28)

      • Simboonii fi miidhaginni ni bada (30)