Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaaba Isaayyaas

Boqonnaawwan

Qabiyyee Kitaabichaa

  • 1

    • Abbaa fi ilmaan isaa warra finciltoota taʼan (1-9)

    • Yihowaan waaqeffannaa fakkeessaadhaan dhihaatu ni jibba (10-17)

    • “Rakkina nu gidduutti uumameef furmaata haa kenninu” (18-20)

    • Xiyoon deebitee magaalaa amanamtuu taati (21-31)

  • 2

    • Gaarri Yihowaa ol ni kaafama (1-5)

      • Goraadee gara maarashaatti (4)

    • Guyyaan Yihowaa warra of tuulan ni salphisa (6-22)

  • 3

    • Geggeessitoonni Yihudaa sabicha dogoggoru (1-15)

    • Ijoolleen durbaa Xiyoon warri kolomsan itti murteeffame (16-26)

  • 4

    • Dubartoonni torba dhiira tokkoof (1)

    • Wanti Yihowaan akka latu godhu ulfina qabeessa taʼa (2-6)

  • 5

    • Faarfannaa waaʼee maasii wayinii Yihowaa faarfatame (1-7)

    • Maasii wayinii Yihowaatiif wayyoo (8-24)

    • Waaqayyo saba isaatti dheekkame (25-30)

  • 6

    • Yihowaan mana qulqullummaa isaa keessatti mulʼataan ilaalame (1-4)

      • “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha Yihowaan” (3)

    • Hidhiin Isaayyaas ni qulqulleeffame (5-7)

    • Isaayyaas ni ergame (8-10)

      • “Kunoo ani jira! Ana ergi!” (8)

    • “Yaa Yihowaa, hamma yoomiitti?” (11-13)

  • 7

    • Ergaa Akaaz Mootichatti himame (1-9)

      • Sheʼaaryaashuub (3)

    • Mallattoo Amaanuʼel (10-17)

    • Miidhaa amanamaa taʼuu diduun geessisu (18-25)

  • 8

    • Weerara Asoor geessisu (1-8)

      • Maahaar-shaalaal-haash-baaz (1-4)

    • Hin sodaatinaa, “Waaqayyo nuu wajjin jira!” (9-17)

    • Isaayyaasii fi ijoolleen isaa mallattoo taʼu (18)

    • Gara jinniiwwaniitti utuu hin taʼin, gara seerichaatti garagalaa (19-22)

  • 9

    • Ifa guddaa biyya Galiilaadhaaf ifu (1-7)

      • Dhalachuu “Bulchaa Nagaa” (6, 7)

    • Harki Waaqaa Israaʼel irratti kaʼe (8-21)

  • 10

    • Harki Waaqaa Israaʼel irratti kaʼe (1-4)

    • Ulee dheekkamsa Waaqaa kan taʼe Asoor (5-11)

    • Adaba Asoor irratti dhufu (12-19)

    • Warri Yaaqoob keessaa hafan ni deebiʼu (20-27)

    • Waaqni Asooritti ni murteessa (28-34)

  • 11

    • Bulchiinsa qajeelinaa latii Issey (1-10)

      • Yeeyyii fi hoolaan waliin jiraatu (6)

      • Beekumsi Yihowaa lafa guuta (9)

    • Warri hafan iddootti deebiʼan (11-16)

  • 12

    • Faarfannaa galataa (1-6)

      • ‘Yaah Yihowaan cimina koo ti’ (2)

  • 13

    • Murtii Baabilon irratti dabarfame (1-22)

      • Guyyaan Yihowaa dhihaateera! (6)

      • Warri Meedon Baabiloniin ni garagalchu (17)

      • Baabilon keessa matumaa namni hin jiraatu (20)

  • 14

    • Israaʼel biyya isaa keessa ni jiraata (1, 2)

    • Arrabsoo mootii Baabilon irratti dubbatamu (3-23)

      • Urjiin ifu samii irraa ni kufa (12)

    • Harki Yihowaa Asooricha ni caccabsa (24-27)

    • Murtii Filisxeem irratti dabarfame (28-32)

  • 15

    • Murtii Moʼaab irratti dabarfame (1-9)

  • 16

    • Murtiin Moʼaab irratti dabarfame itti fufe (1-14)

  • 17

    • Murtii Damaasqoo irratti dabarfame (1-11)

    • Yihowaan saboota ni ifata (12-14)

  • 18

    • Ergaa Itoophiyaa irratti labsame (1-7)

  • 19

    • Murtii Gibxii irratti dabarfame (1-15)

    • Gibxiin Yihowaa ni beekti (16-25)

      • Gibxii keessa Yihowaadhaaf iddoon aarsaa ni jiraata (19)

  • 20

    • Mallattoo Gibxii fi Itoophiyaa ilaalchisee kenname (1-6)

  • 21

    • Murtii lafa onaa galaanichaa irratti dabarfame (1-10)

      • Masaraa eegumsaa irraa dammaqinaan eeguu (8)

      • “Baabilon kufteetti!” (9)

    • Murtii Duumaa fi dirree gammoojjii irratti dabarfame (11-17)

      • “Yaa waardiyyaa, bariʼuuf hammamtu hafe?” (11)

  • 22

    • Murtii Sulula Mulʼataa ilaalchisee dabarfame (1-14)

    • Shebnaan inni bulchaa taʼe Eliyaaqiimiin bakka buufame (15-25)

      • Fannoo fakkeenya taʼe (23-25)

  • 23

    • Murtii Xiiros irratti dabarfame (1-18)

  • 24

    • Yihowaan biyyattii ni onsa (1-23)

      • Yihowaan Xiyoon keessatti Mootii dha (23)

  • 25

    • Sabni Waaqaa eebba hedduu argata (1-12)

      • Affeerraa daadhii wayinii Yihowaan qopheessu (6)

      • Duuti ni bada (8)

  • 26

    • Faarfannaa waaʼee amanannaa fi fayyinaa faarfatame (1-21)

      • Yaah Yihowaan Qarsaa bara baraa ti (4)

      • Namoonni lafa irraa qajeelummaa baratu (9)

      • “Namoonni kee warri duʼan deebiʼanii ni jiraatu” (19)

      • Gara kutaa isa keessaatti seeniitii dhokadhu (20)

  • 27

    • Yihowaan Lewaataaniin ni ajjeese (1)

    • Faarfannaa Israaʼel ishii maasii wayiniitti fakkeeffamte ilaalchisee faarfatame (2-13)

  • 28

    • Machooftuuwwan Efreemiif wayyoo! (1-6)

    • Luboonnii fi raajonni Yihudaa ni gatantaru (7-13)

    • ‘Kakuu duʼaa wajjin galame’ (14-22)

      • Dhagaa golee gatii guddaa qabuu fi Xiyoon keessa jiru (16)

      • Hojii Yihowaa isa baramaa hin taane (21)

    • Gorsi Yihowaa inni ogummaa irratti hundaaʼe fakkeenyaan ibsame (23-29)

  • 29

    • Ariʼeeliif wayyoo! (1-16)

      • Afaaniin qofa tajaajiluun ni balaaleffatame (13)

    • Warri gurri isaanii duude ni dhagaʼu; namoonni jaamanis ni argu (17-24)

  • 30

    • Gargaarsi Gibxii gatii tokko illee hin qabu (1-7)

    • Sabichi ergaa raajii fudhachuu dide (8-14)

    • Jabina Yihowaatti amanamuudhaan argamu (15-17)

    • Yihowaan saba isaatti gaarummaa ni argisiisa (18-26)

      • Barsiisaa Guddicha kan taʼe Yihowaa (20)

      • “Karichi isa kana” (21)

    • Yihowaan Asoor irratti murtii dabarsa (27-33)

  • 31

    • Gargaarsi dhugaan nama irraa utuu hin taʼin Waaqa irraa argama (1-9)

      • Fardeen Gibxii fooni (3)

  • 32

    • Mootii fi bulchitoonni haqa dhugaadhaaf ni bulchu (1-8)

    • Dubartoonni dantaa hin qabne ni akeekkachiifaman (9-14)

    • Eebba yommuu hafuurri dhangalaʼu argamu (15-20)

  • 33

    • Murtii fi abdii nama qajeelaadhaaf kenname (1-24)

      • Yihowaan Abbaa Murtii, Isa Seera Kennuu fi Mootii dha (22)

      • Namni tokko illee, “Na dhukkuba” hin jedhu (24)

  • 34

    • Yihowaan saboota irratti haaloo ni baʼa (1-4)

    • Edoom ni onti (5-17)

  • 35

    • Jannanni ni deebiʼa (1-7)

      • Qaro dhabeeyyiin ni argu; gurri duudes ni dhagaʼa (5)

    • Daandii Qulqullummaa namoota furamaniif (8-10)

  • 36

    • Senaaheriib Yihudaa weerare (1-3)

    • Raabshaaqichi Yihowaa arrabse (4-22)

  • 37

    • Hisqiyaas karaa Isaayyaas gargaarsa Waaqaa gaafate (1-7)

    • Senaaheriib Yerusaalemiin doorsise (8-13)

    • Kadhannaa Hisqiyaas (14-20)

    • Isaayyaas deebii Waaqaaa dubbate (21-35)

    • Maleekaan tokko Asoorota 185,000 fixe (36-38)

  • 38

    • Hisqiyaas ni dhukkubsate, ni fayyes (1-22)

      • Faarfannaa galataa (10-20)

  • 39

    • Ergamtoota Baabilon irraa dhufan (1-8)

  • 40

    • Jajjabina saba Waaqaatiif kenname (1-11)

      • Sagalee lafa onaa keessaa dhagaʼamu (3-5)

    • Guddina Waaqaa (12-31)

      • Saboonni akka copha hubboo keessaa ti (15)

      • Waaqni “Geengoo lafaa gararraa” jiraata (22)

      • Urjiileen hundi maqaadhaan waamamu (26)

      • Waaqni matumaa hin dadhabu (28)

      • Yihowaa abdachuun cimina haaraa argamsiisa (29-31)

  • 41

    • Inni injifatu baha biiftuu irraa dhufa (1-7)

    • Israaʼel tajaajilaa Waaqaa taʼee filatame (8-20)

      • “Abrahaam isa michuu koo taʼe” (8)

    • Waaqoliin kaan ni qoraman (21-29)

  • 42

    • Tajaajilaa Waaqaa fi ergama isaa (1-9)

      • ‘Maqaan koo Yihowaa dha’ (8)

    • Faarfannaa galataa haaraa Yihowaadhaaf faarfatame (10-17)

    • Israaʼel jaamaa fi duudaa dha (18-25)

  • 43

    • Yihowaan saba isaa deebisee walitti qaba (1-7)

    • Waaqoliin ni qoraman (8-13)

      • “Isin dhugaa baatota koo ti” (10, 12)

    • Baabilon keessaa baʼuu (14-21)

    • “Himata keenya wal irratti haa dhiheessinu” (22-28)

  • 44

    • Eebba sabni Waaqni filate argatu (1-5)

    • Yihowaa malee Waaqni hin jiru (6-8)

    • Waaqoliin namoonni tolfatan gatii hin qaban (9-20)

    • Yihowaan isa Israaʼeliin furu dha (21-23)

    • Karaa Qiiros iddootti deebiʼuu (24-28)

  • 45

    • Qiiros Baabiloniin akka qabatu dibame (1-8)

    • Supheen Suphe Dhooftuu hin morkatu (9-13)

    • Saboonni kaan Israaʼeliif beekamtii ni kennu (14-17)

    • Uumamawwan Waaqaas taʼan mulʼatawwan isaa amansiisoo dha (18-25)

      • Lafti bakka jireenyaa akka taatuuf uumamte (18)

  • 46

    • Waaqolii tolfamoo Baabilonii fi Waaqa Israaʼel (1-13)

      • Yihowaan waaʼee gara fuulduraa dubbate (10)

      • Allaattiin adamsee nyaatu baha biiftuu irraa ni dhufa (11)

  • 47

    • Kufaatii Baabilon (1-15)

      • Warri urjii lakkaaʼan ni saaxilaman (13-15)

  • 48

    • Israaʼel ni ifatamte, ni qulqulleeffamtes (1-11)

    • Yihowaan Baabilon irratti tarkaanfii ni fudhata (12-16a)

    • Barumsi Waaqaa ni fayyada (16b-19)

    • “Baabilon keessaa baʼaa!” (20-22)

  • 49

    • Hojii tajaajilaa Waaqaa (1-12)

      • Ibsaa sabootaa (6)

    • Jajjabina Israaʼeliif kenname (13-26)

  • 50

    • Cubbuun Israaʼel rakkina fide (1-3)

    • Tajaajilaa Yihowaa isa ajajamaa taʼe (4-11)

      • Arrabaa fi gurra warra baratanii (4)

  • 51

    • Xiyoon akkuma iddoo biqiltuu Eedan ni taati (1-8)

    • Jajjabina Uumaa Xiyoon isa jabaa irraa argame (9-16)

    • Xoofoo dheekkamsa Yihowaa (17-23)

  • 52

    • Yaa Xiyoon, dammaqi! (1-12)

      • Miila bareedaa warra misiraachoo fidanii (7)

      • Waardiyyoonni Xiyoon tokkummaadhaan ililchu (8)

      • Warri miʼawwan mana Yihowaa baatan qulqulluu taʼuu qabu (11)

    • Tajaajilaan Yihowaa ol ni qabama (13-15)

      • Bifa mancaʼe (14)

  • 53

    • Rakkina, duʼaa fi awwaalcha tajaajilaa Yihowaa (1-12)

      • Ni tuffatame, ni jibbames (3)

      • Dhukkubaa fi dhiphina baate (4)

      • “Akkuma hoolaatti qalmaaf ni geeffame” (7)

      • Cubbuu namoota hedduu baate (12)

  • 54

    • Dhabduu kan taate Xiyoon ijoollee hedduu ni qabaatti (1-17)

      • Yihowaan Xiyooniif akka abbaa manaa ti (5)

      • Ilmaan Xiyoon Yihowaa irraa baratu (13)

      • Meeshaan waraanaa Xiyoon irratti qopheeffamu ni fashalaaʼa (17)

  • 55

    • Affeerraa tolaan akka nyaatanii fi akka dhugan dhihaate (1-5)

    • Yihowaa fi dubbii isaa isa amansiisaa barbaaddadhaa (6-13)

      • Daandiin Waaqaa kan namaa irraa fagoo dha (8, 9)

      • Dubbiin Waaqaa dhugumaan ni raawwatama (10, 11)

  • 56

    • Eebba namoonni biyya ormaa fi xuʼaashonni argatan (1-8)

      • Mana kadhannaa nama hundumaa (7)

    • Waardiyyoota jaamaa, saroota duudaa (9-12)

  • 57

    • Namni qajeelaa fi namoonni amanamoon badaniiru (1, 2)

    • Sagaagalummaan hafuuraa Israaʼel ni saaxilame (3-13)

    • Warra rakkatoo jajjabeessuu (14-21)

      • Hamoonni akkuma galaana gabii hin qabnee ti (20)

      • Hamoonni nagaa hin qaban (21)

  • 58

    • Sooma dhugaa fi sooma sobaa (1-12)

    • Sanbata kabajuudhaan gammaduu (13, 14)

  • 59

    • Cubbuun Israaʼel Waaqa irraa isa fageesse (1-8)

    • Cubbuu himachuu (9-15a)

    • Yihowaan nama cubbuu irraa deebiʼu ni gargaara (15b-21)

  • 60

    • Ulfinni Yihowaa Xiyoon irratti ni ifa (1-22)

      • Akka gugee gara manʼee ishiitti barristuu (8)

      • Bakka sibiila diimaa warqii (17)

      • Inni xinnaan kuma ni taʼa (22)

  • 61

    • Misiraachoo labsuuf dibamuu (1-11)

      • “Waggaa gaarummaa Yihowaa” (2)

      • “Mukeetii qajeelummaa guguddaa taʼan” (3)

      • Namoonni biyya ormaa gargaarsa godhu (5)

      • “Luboota Yihowaa” (6)

  • 62

    • Maqaa haaraa Xiyooniif kenname (1-12)

  • 63

    • Yihowaan saboota irratti haaloo ni baʼa (1-6)

    • Jaalala amanamaa Yihowaan duraan argisiise (7-14)

    • Kadhannaa cubbuu irraa deebiʼuuf dhihaate (15-19)

  • 64

    • Kadhannaan cubbuu irraa deebiʼuuf dhihaate itti fufe (1-12)

      • Yihowaan “Suphe Dhooftuu” dha (8)

  • 65

    • Murtii Yihowaan namoota waaqolii tolfamoo waaqeffatan irratti dabarse (1-16)

      • Waaqa Milkii Gaarii fi waaqa Hiree (11)

      • “Tajaajiltoonni koo ni nyaatu” (13)

    • Samiiwwan haaraa fi lafa haaraa (17-25)

      • Manneen ijaarrachuu; mukeetii wayinii dhaabbachuu (21)

      • Eenyu iyyuu akkanumaan hin dhamaʼu (23)

  • 66

    • Waaqeffannaa dhugaa fi waaqeffannaa sobaa (1-6)

    • Xiyoon ishii haadha taatee fi ilmaan ishii (7-17)

    • Namoonni waaqeffannaadhaaf Yerusaalemitti walitti qabaman (18-24)