Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaa Haaraan Dhufuuf Jedha

Addunyaa Haaraan Dhufuuf Jedha

Buufadhu:

  1. 1. Addunyaa haaraa yaadaan ilaali

    Waan hedduu Waaqni kee fidu xiinxali.

    Mee xiqqoo yaadi mee.

    Ijoollee sodaa malee taphatu.

    Yihowaan waan jedhe yoo raawwatu,

    Hamma jiini bakkasheetii baddutti,

    Nageenyi nun hanqatu.—

    Akkuma Abbaan keenya dubbatetti,

    Gara fuuldura

    Yeroo Yesuus bulchutti

    Sirna haaraa ʼrgina.

    (BUUSAA)

    Abdii akka ibiddaa.

    Abdii ʼkka qofoo doonii jabaa.

    Abdii ʼkka aduu ifu qabna

    Yaadaan yoo ilaalle

    Sirna haaraa ʼrgina.

  2. 2. Tulluu fi dirree yaadaan ilaali,

    Burqaa bishaanii hedduu achittʼ argita.

    Achuma jiraatta.

    Mana fuuldura utuu jirtuu,

    Namni ati dur beektu

    Harka balʼisee sitti fiiga.

    Achiis wal haammattu.—

    Erga wal argitanii turtaniittu.

    Duʼallee taanaan

    Dhidhima buusaa

    Sirna haaraa ʼrgita.

    (BUUSAA)

    Abdii akka ibiddaa.

    Abdii ʼkka qofoo doonii jabaa.

    Abdii ʼkka aduu ifu qabna

    Yaadaan yoo ilaalle

    Sirna haaraa ʼrgina.

    (CEESISA)

    Wanti inni dubbate

    Hundisaa hojiidhaan mulʼata.

    Yihowaan jaalalasaatiin

    Fedhii nama hundumaa ni guuta.

    (BUUSAA)

    Abdii akka ibiddaa.

    Abdii ʼkka qofoo doonii jabaa.

    Abdii ʼkka aduu ifu qabna

    Yaadaan yoo ilaalle

    Sirna haaraa ʼrgina,

    Eeyyee ni argina,

    Sirna haaraa ʼrgina,

    Eeyyee ni ʼrgina.