Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tolaan Dhiisuu

Tolaan Dhiisuu

Garagalfadhu:

  1. 1. Mufadheera. Haaloon qabadhe.

    Nattʼ ulfaateera; nan dhiphadhe.

    Miira kan’ utuun jijjiiree.

    Garuu beeka dhiisuu ʼkkan qabu,

    An homaan goone waan balleessine.

    Kanaaf dhiisuuyyuu nan dadhabe.

    (BUUSAA DURA)

    Yeroon kadhannaa amma gaʼeera.

    Yihowaan miidhama koo hubateera.

    Dandeettiisaas naaf kenna.

    (BUUSAA)

    ʼkkan irraanfadhuuf.

    Kana furuun natti cima.

    Maaloo, “Yihowaa sin kadha;

    Dhiisuuf na gargaari.”

    Akka ʼsaa ʼkkan taʼuuf

    Dhiifama gochuuf, irraanfachuudhaaf.

    Maaloo, “Yihowaa sin kadha;

    Dhiisuuf na gargaari.”

    Tolaan dhiisuuf.

  2. 2. Hunda dhiisuuf carraaqaan jira,

    Dagachuun nattʼ ulfaateera.

    Utuun irraanfachuu dandaʼee.

    Sirrii miti haaloo qabachuun.

    Dhiifama gochuun irraanfachuudha.

    Anaaf kun furtuu guddaadha.

    (BUUSAA DURA)

    Yeroon kadhannaa amma gaʼeera.

    Yihowaan miidhama koo hubateera.

    Dandeettiisaas naaf kenna.

    (BUUSAA)

    ʼkkan irraanfadhuuf.

    Kana furuun natti cima.

    Maaloo, “Yihowaa sin kadha;

    Dhiisuuf na gargaari.”

    Akka ʼsaa ʼkkan taʼuuf

    Dhiifama gochuuf, irraanfachuudhaaf.

    Maaloo, “Yihowaa sin kadha;

    Dhiisuuf na gargaari.”

    Tolaan dhiisuuf.

    Na gargaari.

    Tolaan dhiisuuf.

    Na gargaari.