Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kufaatii Keerraa Baradhu

Kufaatii Keerraa Baradhu

Buufadhu:

  1. 1. Ilmaan namaa hundumtuu,

    Eeyyee, ni gufatu.

    Tasa ʼn argattu,

    “Anʼ hin gufadhu” kan jedhu.

    Amma siʼ gufate,

    Garuu achittʼ hin haftu.

    Kanarraa yoo baratte,

    Gargaarsa Waaqakee yoo fudhatte.

    (BUUSAA)

    Ol kaata, ni cimta.

    Haalasaa jijjiirta.

    Ol kaatee, ni deemta.

    Barumsa argatta.

    Harkasaa qabadhu.

    Ol si kaasa—jabaadhu.

    Yoo kuftes ni kaata.

    Barumsa ʼrraa argatta

    Jabaattee dhaabbatta.

  2. 2. Guyyaan guyyaa dhaleera,

    Keessi kees miidhameera.

    Haalasaarrattʼ hin yaadin.

    Irrattʼ hin xiinxalin.

    Yihowaan, “Si faana

    Nan taʼa” siin jedheera.

    Dubbiinsaas si qajeelcha,

    Humna ʼrgattee, waan gaarii raawwatta.

    (BUUSAA)

    Ol kaata, ni cimta.

    Haalasaa jijjiirta.

    Ol kaatee, ni deemta.

    Barumsa argatta.

    Harkasaa qabadhu.

    Ol si kaasa—jabaadhu.

    Yoo kuftes ni kaata.

    Barumsa ʼrraa argatta.

    (CEESISA)

    Dubbii Yihowaa yaadadhu,

    Kufaatii keerraas baradhu.

    Jaalallisaa garaa keerra

    Baayʼee caala.

    Si gargaara.

    (BUUSAA)

    Ol kaata, ni cimta.

    Haalasaa jijjiirta.

    Ol kaatee, ni deemta.

    Barumsa argatta.

    Harkasaa qabadhu.

    Ol si kaasa—jabaadhu.

    Yoo kuftes ni kaata.

    Jabaattee dhaabbatta.

    Barumsa ʼrraa argatta.