Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Koo Na Faana

Yihowaan Koo Na Faana

Buufadhu:

  1. 1. Ganama bariidhaan hirribaa kaʼee

    Yihowaa kadhadheen lallabuuf baʼe.

    Diinni na dhowweera, garuu hin dhiisu.

    Waaqa kootiif nan ajajama.

    (BUUSAA)

    Amma kunoo eeyyee baayʼeen gammadaa jira ani,

    Yihowaan koo na faana hin sodaadhu ani.

    Yihowaan koo na faana hin raafamu ani.

  2. 2. Namnin arge sun baayʼee gaddee ture,

    Rakkoosaa utuun dandaʼee fure.

    Bor isa argachuuf Yihowaan kadha,

    Dhugaa dhageenyaan furmaata argata.

    (BUUSAA)

    Amma kunoo eeyyee baayʼeen gammadaa jira ani,

    Yihowaan koo na faana hin sodaadhu ani.

    Yihowaan koo na faana hin raafamu ani.

    (CEESISA)

    Dhugaa ukkaamsee qabuuʼn dandaʼu,

    Hundattin hima hin dhokfadhu.

    Maqaa Yihowaa nan lallaba,

    Nan dubbadha anʼ maalifan dadhaba,

    Obboloonni koos na wajjin jiru,

    Na jajjabeessu, na gargaaru.

    Waaqan faarfadha, ittan maxxana,

    Innis waan gaarii anaaf kenna.

  3. 3. Nagaan na oolcheera Yihowaan koo,

    Kanaaf haa fudhatu galata koo.

    Waaʼee guyyaa borii anʼ hin beeku;

    Garuu kophaa miti kanaʼn shakku.

    (BUUSAA)

    Amma kunoo eeyyee baayʼeen gammadaa jira ani,

    Yihowaan koo na faana hin sodaadhu ani.

    Yihowaan koo na faana hin raafamu ani.