Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Manattan Deebiʼe

Manattan Deebiʼe

Buufadhu:

  1. 1. Maaloo maalan godha?

    Bishaan na nyaachuuf jedha

    Baayʼee rakkadheera

    Dhugaa Mootummichaas dagadheera.

    Garuu achumattʼ hin hafu.

    Gargaaraan koo yoomuu hin rafu.

    (BUUSAA)

    Argatee, qabee ol na kaasa.

    Irreesaatiin daandiitti na baasa.

    Bobaatti baatee maatii kootti na deebisa.

    Na deebise kunoo, manatti.

  2. 2. Kun iddoo addaati.

    Buubbee jalaan dhokadhe

    Kunoo nan boqodhe

    Kan na deggeranis nan argadhe.

    Atis deebiʼuu yoo barbaadde,

    Yihowaatʼ himi si deggera ʼnnoo.

    (BUUSAA)

    Argatee, qabee ol si kaasa.

    Yaadadhu, situ filate isa.

    Bobaatti baatee maatii keetti si deebisa.

    Si deebise kunoo, manatti.

    (CEESISA)

    Baayʼee gammanne

    “Baga nagaan deebite!”

    Kun mana keeti;

    Baga nagaan nuu deebite!

    Manatti.

    Manatti.

    (BUUSAA)

    Argatee, ol si qaba, si kaasa.

    Irreesaatiin daandiitti si baasa.

    Mana keetti deebitee,

    Maatiitti makamtee,

    Jiraatta.