Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Garaa Tokkoon Yihowaa Faarfanna

Garaa Tokkoon Yihowaa Faarfanna

Buufadhu:

  1. 1. Hunduu booʼaa jira.

    Itti dukkanaa’eera.

    Wal waraanu nagaa fiduuf

    Dhamaatii qofa taʼe.

    Baayʼee yoo rakkannes

    Furmaatasaa yoo dhabnes,

    Yihowaan jira, isa abdanna,

    Addunyaa haaraa fida

    (BUUSAA)

    Nagaa Waaqaa

    arganna!

    Garaa tokkoon

    Yihowaa faarfanna

    Galatoomi jenna.

  2. 2. Jira kan si furu,

    Siif raawwata hin turu.

    Yihowaa qabda, nagaa argatta

    Akka lagaa kan yaaʼu!

    Imimmaan kee haqa,

    Tasgabbii siif kenna.

    Nagaa argatta, ni haaromta,

    Addunyaa haaraatti,

    (BUUSAA)

    Nagaa Waaqaa

    arganna,

    Garaa tokkoon

    Yihowaa faarfanna

    Galatoomi jenna.

    (CEESISA)

    Yesuus bulchaan nagaa,

    Bilisa nu baasa.

    Gaddi ni hafa, duutis ni bada

    Achis jilbi hundi

    Yihowaaf sagada.

    (BUUSAA)

    Nagaa Waaqaa,

    arganna,

    Garaa tokkoon

    Yihowaa faarfanna

    Nagaa Waaqaa

    arganna,

    Yaada tokkoon

    Isa waaqeffanna.

    Galatoomi jenna.

    Yihowaa jajanna!