Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yeroo Itti Naamusni Namootaa Akka Tasaa Mancaʼuu Jalqabe

Yeroo Itti Naamusni Namootaa Akka Tasaa Mancaʼuu Jalqabe

Yeroo Itti Naamusni Namootaa Akka Tasaa Mancaʼuu Jalqabe

NAAMUSNI namootaa akka tasaa mancaʼuu kan jalqabe yoom sitti fakkaata? Bara jireenyaa keetti moo bara firoonni ykn michoonni kee angafoota kee taʼan jiraatanitti dha? Namoonni tokko tokko Waraanni Addunyaa Tokkoffaan bara 1914⁠tti jalqabe, karaa takkaa taʼe hin beekneen naamusni namootaa garmalee akka mancaʼu akka taasise dubbatu. Piroofeesara seenaa kan taʼan Rooberti Vool kitaaba isaanii The Generation of 1914 jedhamu irratti, “Namoonni yeroo waraanni kun geggeeffamutti jiraatan, Hagayya 1914 addunyaan inni tokko xumuramee addunyaan kan biraan akka jalqabe guutummaatti amanu” jedhaniiru.

Barreessaa seenaa kan taʼan Normaan Kaartar akkana jedhaniiru: “Amalli namootaa duruma iyyuu mancaʼaa ture bakka hundatti caalaatti mancaʼeera. Namoonni siyaasaa fi janaraalonni namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi isaan jala jiran akkuma horiiwwan qalmaaf oofamaniitti kan isaan ilaalan erga taʼee, seera amantii ykn naamusaa isa kamtu akka bineensota sodaachisoo bosonaatti akka wal hin ilaalle isaan dhowwuu dandaʼa? . . . Waraanni Addunyaa Tokkoffaan [1914-18] dhiiga namoota hedduu dhangalaase gatii lubbuun ilmaan namootaa qabu guutummaatti xiqqeesseera.”

Barreessaa Seenaa Ingilizii kan taʼan Harbarti Joorji Wiilsi barreeffama isaanii isa dhimmoota hedduu qabatee fi The Outline of History jedhamu irratti, “amalli naamusaa namootaa mancaʼuu kan jalqabe” barumsi jijjiirama tirannaa balʼinaan fudhatama argachaa erga dhufee booda akka taʼe dubbataniiru. Kun kan taʼe maaliifi? Namoonni tokko tokko namni bineensa hamma tokko karaa fooyyaʼaa taʼeen yaadu akka taʼe godhanii yaaduu jalqaban. Barumsa jijjiirama tirannaa kana geggeessaa kan turan Wiilsi namoota kana ilaalchisee bara 1920⁠tti akkana jedhanii barreessanii turan: “Namni akkuma saroota Hindii gareedhaan adamsanii, bineensa wal gargaaraa jiraatu dha murtoo jedhu irra waan gaʼaniif . . . , warri humna guddaa qaban warra dadhaboo taʼan miidhuu fi bituun isaanii sirrii akka taʼe isaanitti dhagaʼameera.”

Dhuguma iyyuu akkuma Kaantar jedhan, waraanni addunyaa tokkoffaan ilaalcha namoonni wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee qaban guutummaatti jijjiireera. Akkana jedhaniiru: “Dhaloonni duraanii karaa hundumaan, jechuunis ejjennoo siyaasaatiin, akkaataa uffannaa fi ilaalcha saalqunnamtiif qabuun guutummaa guutuutti waan dogoggore akka fakkaatu godhameera.” Waldaaleen barumsa jijjiirama tirannaa hordofanii fi warra barumsa kanaaf falman jajjabeessuudhaan maqaa barumsawwan Kiristiyaanaa balleessan mancaʼiinsa naamusaa kanaaf sababii guddaa taʼaniiru. Birgaaderii Janaraala Biritaaniyaa kan taʼan Firaanki Kiroozer, “Waldaaleen Kiristiyaanaa meeshaalee baayʼee gaarii namoonni hawwii dhiiga dhangalaasuu akka qabaatan kakaasuuf itti fayyadamnu dha; akkuma garaa keenyaas isaanitti fayyadamneerra” jedhanii barreessaniiru.

Seerawwan Naamusaa Dhiifamaniiru

Waggoota kurnan Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda turan keessatti ulaagaaleenii fi qajeelfamoonni naamusaa bara duriitti turan hafanii ilaalcha amalli kam iyyuu fudhatama qaba jedhuun bakka buufaman. Barreessaa seenaa kan taʼan Fireediriik Loowas Alan yaada akkana jedhu kennaniiru: “Waggoonni kurnan Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda turan yeroo amalli dogoggora taʼe fudhatama itti argate jedhamee waamamuu dandaʼa. . . . Namoonni hedduun wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee yaadawwan sana dura turan waan dhiisaniif, seerawwan akkamii hordofuu akka qaban salphaatti beekuun hin dandaʼamne.”

Rakkoon dinagdee baroota 1930mmanitti guutummaa addunyaatti uumame, namoonni hedduun akka hiyyooman waan godheef akka of toʼatan taasiseera. Waggaan kurnan sun yommuu xumuramu garuu, addunyaan waraana caalaatti suukanneessaa taʼe, jechuunis Waraana Addunyaa Lammaffaa keessa seene. Utuma baayʼee hin turin mootummoonni meeshaalee waraanaa nama sodaachisanii fi namoota hedduu fixuu dandaʼan kalaquu jalqabuun isaanii addunyaan rakkina dinagdee keessaa saffisaan akka baʼu kan taasise taʼus, addunyaan kun garuu rakkinaa fi naasuu hubannaa ilmaan namootaatii ol taʼe keessa galeera. Yeroo waraanichi xumuramu, magaalonni dhibbaan lakkaaʼaman tuullaa diiggaa taʼaniiru; magaalonni Jaappaan lama immoo tokkoon tokkoon isaanii boombii atoomikii tokkittiidhaan barbadaaʼaniiru! Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman manneen hidhaa suukanneessoo hojiin humnaa itti hojjetaman keessatti dhumaniiru. Walumaa galatti dhiirota, dubartootaa fi ijoollee dabalatee namoonni gara miliyoona 50 taʼan waraana kanaan dhumaniiru.

Waggoota Waraanni Addunyaa Lammaffaan suukanneessaa taʼe itti geggeeffamaa turetti, namoonni ulaagaalee yeroo dheeraadhaaf dhalootaa dhalootatti darbaa dhufan hordofuu mannaa ulaagaalee mataa isaanii baafatan. Kitaabni Love, Sex and War—Changing Values, 1939-45 jedhamu akkana jedheera: “Waggoota waraanichi geggeeffamaa turetti ilaalchi dirree waraanaa irra ture gara manaattis waan dhufeef, gama saalqunnamtiitiin namoonni miira isaanii toʼachuu waan dadhaban fakkaata. . . . Waraanichi namoonni jireenyi gabaabaa fi naamusa kan hin qabne akka taʼetti akka yaadan waan taasiseef waraanicha booda gaaʼellii fi maatiinis akkasuma wanta dhaabbataa hin taane akka taʼetti ilaaluu jalqaban.”

Namoonni yeroo kamitti duʼuu waan dandaʼaniif yeroo muraasaaf illee akka jaallataman akka isaanitti dhagaʼamu barbaadu. Dubartiin Biritaaniyaa tokko yeroo sanatti namoonni maaliif gadhiisii akka taʼan sababii isaa yommuu ibsitu, “Namoota gadhiisii waan taaneef utuu hin taʼin waraana irra waan turreefi” jetteetti. Loltuun Ameerikaa tokkos, “Ulaagaalee namoota hedduutiin yoo madaalamne namoota gadhiisii dha; taʼus nuti dargaggoota akka taanee fi boru duʼuu akka dandeenyu beekna” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera.

Namoonni waraana sana irraa oolan hedduun haalli suukanneessaan argan miidhaa guddaa isaan irraan geessiseera. Namoota yeroo sanatti ijoollee turan dabalatee namoonni tokko tokko wanta yeroo sanatti taʼe yommuu yaadatan waanuma amma raawwatamaa jiru isaanitti fakkaachuudhaan isaan suukanneessa. Baayʼeen isaanii amantii fi ulaagaalee naamusaa isaanii dhabaniiru. Kabajni qaama wanta sirrii fi wanta dogoggora taʼeef qajeelfama baasu kamiif iyyuu qaban waan badeef, namoonni wanti hundi akkuma haala isaatti ilaalamuu qaba jedhanii yaaduu jalqaban.

Ulaagaalee Amalaa Haaraa

Waraana Addunyaa Lammaffaa booda, qorannoowwan amala saalqunnamtii raawwachuu namootaa irratti taasifaman tokko tokko maxxanfamuu jalqaban. Qorannoo kana keessaa tokko, Gabaasa Kiinsee isa fuula 800 ol qabuu fi Yuunaayitid Isteetis keessatti baroota 1940mmaniitti ifa taʼe dha. Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun karaa kanaan dura taʼee hin beekneen dhimmoota saalqunnamtii wajjin wal qabatan ifatti dubbachuu jalqaban. Lakkoofsi gabaasa saalqunnamtii saala walfakkaatu gidduutti raawwatamuu fi gochawwan saalqunnamtii seeraan ala taʼan ilaalchisee baʼe sun akka arbeeffame kan ibsame taʼus, qorannaan sun naamusni namootaa waraanicha booda ture garmalee akka mancaʼe ifa godheera.

Yeroo muraasaaf ulaagaa naamusaa eeganii tursuuf carraaqqiin godhamee ture. Fakkeenyaaf, raadiyoo, fiilmiiwwanii fi televizyinii irratti wanti naamusaan ala taʼe akka hin dhihaanne ni gulaalama ture. Kun garuu yeroo dheeraadhaaf itti hin fufne. Barreessaa waajjira barnootaa Ameerikaa duraanii kan turan Wiiliyaam Beeneet, “Ameerikaan garuu baroota 1960mmanitti qaroomina irraa saffisaa fi itti fufiinsaan gara duubaatti deemuu jalqabdee turte jechuun ni dandaʼama” jechuudhaan ibsaniiru. Kun immoo biyyoota kan biroo hedduu irratti dhiibbaa geessiseera. Baroota 1960mmanitti naamusni namootaa caalaatti mancaʼaa kan dhufe maaliifi?

Waggoonni kurnan kun yeroo itti warraaqsi bilisummaa dubartootaa fi amalli naamusaa haaraan, jechuunis ilaalchi namoonni saalqunnamtii ilaalchisee qaban akka tasaa itti jijjiiramani dha. Kana malees, qorichawwan ulfa ittisuu irratti buʼa qabeeyyii taʼan hojii irra ooluu jalqabanii turan. Kun sodaa ulfi uumamuu dandaʼa jedhu waan balleesseef, “kakuu gaaʼelaa keessa utuu hin seenin saalqunnamtii raawwachuun” baramaa taʼaa dhufe.

Gama biraatiin immoo, gaazexoonni, fiilmiiwwanii fi sagantaaleen televizyinii ejjennoo naamusa ilaalchisee qaban laaffisuu jalqaban. Itti gaafatamaa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Yuunaayitid Isteetis duraanii kan turan Zibiignyeev Birazyinisikiin qajeelfama naamusaa sagantaalee televizyiniidhaan dhihaatan ittiin geggeeffaman ilaalchisee akkana jedhaniiru: “Namoonni gammachuu dhuunfaa isaaniitiif iddoo guddaa akka kennan ifatti jajjabeessu, gochi hammeenyaa fi yakkaa rakkina akka hin qabne godhanii dhiheessu, [akkasumas] namoonni saalqunnamtii gadhiisii taʼe akka raawwatan jajjabeessu.”

Baroota 1970mmaniitti meeshaaleen viidiyoo taphachiisan beekamtii argachaa dhufan. Namoonni wantoota seera naamusaatiin ala taʼanii fi gochawwan saalqunnamtii ifatti argisiisan kan namoonni kanaan dura manneen fiilmii dhaqanii matumaa hin ilaalle amma manuma isaanii taaʼanii ilaaluu dandaʼu. Waggoota dhihoodhaa asitti immoo, poornoogiraafiin baayʼee suukanneessaa taʼe namoonni addunyaa maratti argamanii fi kompiitara manaa qaban hundi ilaaluu akka dandaʼaniif karaa Intarneetii dhihaachuu jalqabaniiru.

Miidhaan wanti kun geessisu karaa hedduudhaan yommuu ilaalamu baayʼee kan nama sodaachisu dha. Itti gaafatamaan mana hidhaa Yuunaayitid Isteetis tokko dhiheenya kana akkana jedhaniiru: “Waggaa kudhan dura dargaggoonni gara mana hidhaa yommuu dhufan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee isaan mariisisuu nan dandaʼan ture. Haa taʼu malee, ijoolleen amma gara mana hidhaa dhufan dhimma kana yommuun isaan haasofsiisu waaʼee maalii dubbachaa akkan jiru illee isaaniif hin galu.”

Qajeelfama Gaarii Eessaa Argachuu Dandeessa?

Qajeelfamawwan naamusaa dhaabbilee amantaa addunyaa kanaa irraa arganna jennee eeguu hin qabnu. Dhaabbileen amantaa kunneen akka Yesuusii fi akka barattoota isaa jaarraa jalqabaatti turanii qajeelfamoota naamusaa qajeeloo taʼan barsiisuu mannaa kutaa addunyaa hamaa kanaa of godhaniiru. Barreessaan tokko, “Waraanni gareen lamaanuu Waaqayyo isaanii wajjin akka jiru utuu hin dubbatin geggeeffame jiraa?” jedhanii gaafataniiru. Ulaagaalee naamusaa Waaqayyoo eeguu ilaalchisee qeesiin magaalaa Niwuu Yoorki Siitii waggoota muraasa dura, “Jaarmiyaawwan addunyaa irra jiran hundumaa keessaa ulaagaa otobusiitti ol seenuuf illee gaafatamu irraa gad aanaa taʼe kan qabdu waldaa qofa dha” jedhaniiru.

Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, naamusa addunyaa garmalee mancaʼaa jiru kana ilaalchisee tarkaanfii tokko fudhachuun barbaachisaa dha. Garuu tarkaanfii akkamii? Jijjiirama akkamii gochuutu barbaachisa? Jijjiirama kana fiduu kan dandaʼu eenyu? Kan raawwatamu hoo akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatame]

Waraanni Addunyaa Tokkoffaan [1914-18] dhiiga namoota hedduu dhangalaase gatii lubbuun ilmaan namootaa qabu xiqqeesseera

[Fakkii]

Bohaartiiwwan gadhee taʼan salphaatti argachuun ni dandaʼama