Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Injifachuu ni Dandeessa!

Injifachuu ni Dandeessa!

Injifachuu ni Dandeessa!

YEROON ‘onnataa itti taatuu fi hojicha itti jalqabdu’ amma. (1 Seenaa Baraa 28:10) Maarree carraa itti milkaaʼina argattu guddisuuf tarkaanfiiwwan xumuraa akkamii fudhachuu dandeessa?

Guyyaa isaa murteessi. Yaada Biiroon Tajaajila Fayyaa fi Namummaa Yuunaayitid Isteetis kenne irraa hubachuu akka dandeenyutti, xuuxuu dhaabuuf yoo murteessite, murtoo kana itti goote torban lama keessatti guutummaa guutuutti sijaaraa irraa fagaachuuf jireenya haaraa jalqabuu qabda. Kana gochuun kee fedhiin sijaaraa dhaabuuf goote utuu hin qabbanaaʼin murtoo keetti itti fufuuf si gargaara. Guyyaa itti dhaabdu kaalaandarii kee irratti mallattoo godhi, michoota keetti himi, akkasumas haalli kee yoo jijjiiramee illee guyyaa isaa hin jijjiirin.

Kaardii qopheeffadhu. Kaardiin kun odeeffannoowwan armaan gaditti argaman dabalatee yaadawwan kan biroo fedhii cima qabdu siif jabeessan kan qabatan taʼuu dandaʼu.

● Sababa xuuxuu dhaabuuf itti murteessite

● Lakkoobsa bilbilaa namoota araada kanaan moʼamuuf akka jettu yommuu sitti dhagaʼamu bilbiltuuf

● Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu akka Galaatiyaa 5:22, 23 jiran dabalatee yaadawwan galma kee irra akka geessu si gargaaran

Kaardii xuuxuu dhaabuuf si gargaaruu yeroo hundumaa qabadhu, akkasumas guyyaatti siʼa baayʼee dubbisi. Erga xuuxuu dhaabdee booda illee yeroo fedhiin isaa sitti deebiʼu hundatti kaardicha irra deebii dubbisi.

Barsiifatawwan araada kee wajjin wal qabatan malaan wal jala dabarsuuf yaali. Guyyaan itti xuuxuu dhaabdu gaʼuu isaa dura barsiifata xuuxuu wajjin walqabatu hundumaa wal bira dabarsuuf yaali. Fakkeenyaaf, barsiifata ganama ganama akkuma hirribaa kaateen xuuxuu qabda yoo taʼe, saʼaatii tokkoof ykn isaa oliif tursi. Yeroo nyaata nyaattu ykn akkuma xumurteen xuuxxa yoo taʼes barsiifata kana jijjiiruuf carraaqqii godhi. Naannoo namoonni kaan itti xuuxan irraa fagaadhu. Akkasumas kophaa kee yommuu taatu sagalee kee ol kaasiitii “Lakki galatoomi. Xuuxuu dhaabeera” jechuu shaakali. Tarkaanfiiwwan kunneen guyyaa itti xuuxuu dhaabdu sanaaf si qopheessu caalaa faayidaa qaba. Yeroon itti araada xuuxuu irraa walaba itti taatu dhihoo taʼuu isaa si yaadachiisu.

Xuuxuu dhaabuuf qophaaʼi. Guyyaan itti xuuxuu dhaabdu yommuu gaʼuuf jedhu wantoota sijaaraa bakka buʼan, kan akka kaarotii, maastikaa, ocholoonii fi akaayii jiran baayʼinaan bitii qopheeffadhu. Michoota kee fi maatii kee guyyaa itti xuuxuu dhaabdu isaan yaadachiisi, akkasumas akkamitti si gargaaruu akka dandaʼan itti himi. Guyyaa itti xuuxuu dhaabdu gaʼuu isaa dura wanta sijaaraa xuuxxee irra keessu, wanta sijaaraa ittin qabsiistuu fi sijaaraa naannoo mana keetii, makiinaa kee keessa ykn kiisii kee keessa ykn bakka hojii kee jiru hundumaa gati. Saanduqa keessaa sijaaraa tokkoo luqqisuun, michuun kee tokkoo sijaaraa akka siif kennu gaafachuu ykn paakkeetti tokko bituu caalaa salphaa akka taʼe mirkanaaʼa taʼi! Kana malees, gargaarsa Waaqayyoo argachuuf kadhachuu kee itti fufi, keessumaa sijaaraa kee isa xumuraa erga xuuxxee booda kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuun baayʼee barbaachisaa dha.—Luqaas 11:13.

Namoonni hedduun michuu sobaa kanaan dura qabanii fi hamaa taʼe, jechuunis sijaaraa irraa adda baʼuu dandaʼaniiru. Atis akkas gochuu ni dandeessa. Caalaatti fayya buleessa taata, akkasumas bilisummaa guddaa argatta.

[Fakkii]

Kaardii xuuxuu dhaabuuf si gargaaruu yeroo hundumaa qabadhu, akkasumas guyyaatti siʼa baayʼee dubbisi