Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Hafuura xuraaʼummaa

Hafuura xuraaʼummaa

Namoota duʼanii wajjin dubbachuuf yaaluun dogoggoradhaa?

‘Akka isaaniin hin xuroofneef, gara eker-dubbiftuutti hin garagalin.’​—Lewwoota 19:31.

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Namoonni michoonnisaanii duʼan dhiphachaa akka hin jirre mirkaneeffachuu akka barbaadan beekamaadha. Kanaaf akkas jedhu: “Karaa eker dubbistuu maaliifan isa ykn ishee wajjin wal arguun rakkina maalii qaba? Tarii karaa kanaan akka jajjabaannuufi nagaa sammuu akka argannu gochuu dandaʼa taʼa.”

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Macaafni Qulqulluun namoota duʼanii wajjin dubbachuuf yaaluun, bara duriittis baramaa akka ture ibsa. Fakkeenyaaf, Yihowaan Seera Israaʼelootaaf kennerratti, “Namni ekeraa dubbisu . . . yookiis namni warra duʼan waamu si keessatti hin argamin! Eenyu illee kana yoo godhe Waaqayyo duratti ciiggaʼamaa in taʼa” jedheera. (Keessa Deebii 18:10-12) Kana malees Macaafni Qulqulluun namoonni gocha hafuura xuraaʼoo kamiyyuu raawwatan, “mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye” dubbata.​—Galaatiyaa 5:19-21.

Namoonni duʼan warra lubbuudhaan jiranirratti dhiibbaa geessisuu dandaʼuu?

“Warri jiran akka duʼan beeku, warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan.”​—Lallaba 9:5.

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Namoonni hedduun warri duʼan karaa taʼe tokkoon jiraachaa jiru jedhanii dubbatu. Kanaaf, namoota duʼanii wajjin dubbachuuf yaalii godhu. Kana kan godhan odeeffannoo argachuuf ykn namoonni duʼan namoota lubbuudhaan jiran akka hin miineef jedhanii waan isaan barbaadan isaaniif guutu jedhanii taʼuu dandaʼa.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

“Warri jiran akka duʼan beeku, warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan . . . Jaalalli isaanii fi jibbi isaanii, hinaaffaan isaaniis [wanta yeroo lubbuudhaan yeroo jiranitti isaanitti dhagaʼamaa ture hundi] egaa badeera.” (Lallaba 9:5, 6) Eeyyee Macaafni Qulqulluun namni duʼe duʼaama akka taʼe barsiisa! Yaaduu, hojjechuus taʼe Waaqayyoon waaqeffachuu hin dandaʼan. Kanaaf Faarfannaan 115:17, “Warri duʼoon, iddoo warra calluma jedhaniitti kan gad buʼan, Waaqayyoon jajachuu hin dandaʼan” jedha.

Warri eker dubbistuun yeroo tokko tokko odeeffannoo sirrii kennu mitii?

“Sabni maaliif . . . waaʼee warra jiranii warra duʼan gaafata?”​—Isaayaas 8:19.

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Namoonni tokko tokko warri eker dubbistuun odeeffannoo namni duʼe suniifi maatiinsaa ykn michoonnisaa qofti beekan dubbachuu dandaʼu jedhu.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Saamuʼel Inni Duraa boqonnaan 28, Saaʼol mootichi amanamaa hin taane, ajaja Waaqayyo eker dubbistuu akka hin gaafanne kenne cabsuusaa ibsa. Saaʼol dubartii eker dubbistuu, nama Waaqayyoo kan ture Saamuʼel isa duʼee wajjin dubbachuuf na gargaarti jedhee yaade tokko bira dhaqe! Haataʼu malee, dhuguma Saamuʼelii wajjin wal isa argisiisuu dandeesseettii? Matumaa! Kanaa mannaa, nama Saamuʼel isa duʼe fakkaatee mulʼatee wajjin dubbachaa turte.

Qaamni Saamuʼeliin fakkaatee dhufe sun, hafuura hamaa Seexana isa “abbaa sobaa” taʼe biraa kan ergamedha. (Yohannis 8:44) Hafuuronni hamoon ilaalcha namoonni duʼan jiraachuusaanii itti fufu jedhu kan babalʼisan maaliifi? Kaayyoonsaanii maqaa Waaqayyoo balleessuufi Macaafa Qulqulluu gatii dhabsiisuudha.​—2 Ximotewos 3:16.

Yaanni olitti ibsame namoonni duʼan abdii akka hin qabne argisiisaa? Matumaa! Macaafni Qulqulluun gara fuulduraatti namoonni duʼanii awwaala keessa ‘rafaa’ jiran akka duʼaa kaʼan abdii kenna. * (Yohannis 11:11-13; Hojii Ergamootaa 24:15) Hammasitti garuu, michoonni keenya nu jalaa duʼan karaa taʼe tokkoon dhiphachaa akka hin jirre mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

^ key. 16 Kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu, boqonnaan 7 mataduree “Jaalleewwan Kee Warri Duʼan Abdii Akkamii Qabu?” jedhu qaba. Weeb saayitii www.pr418.com/om jedhurraa dubbisuu dandeessa