Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATADUREE FUULA JALQABAA

Yerookeetti Ogummaadhaan Fayyadami

Yerookeetti Ogummaadhaan Fayyadami

Hundi keenya yeroo dabalataa utuu argannee akka nutti tolu beekamaadha. Yeroo namni sooressi qabu, yeroo namni hiyyeessa taʼe qaburra waan hin caaleef, yeroon nama hunda wal qixxeessa jechuun ni dandaʼama. Kana malees, sooreyyiinis taʼan hiyyeeyyiin yeroo kuufachuu hin dandaʼan. Yeroon takkaa darbe barabaraaf deebiʼee hin dhufu. Kanaaf, yeroo qabnutti akka gaariitti fayyadamuun ogummaadha. Akkamitti? Malawwan namoonni yeroosaaniitti ogummaadhaan akka fayyadaman isaan gargaaran afur haa ilaallu.

Mala 1: Qindoomina Qabaadhu

Wanta dursa kennuufii qabdu adda baafadhu. Macaafni Qulqulluun, ‘Wanta caalaatti barbaachisaa taʼe adda baasaa beekaa’ jedha. (Filiphisiiyus 1:10, NW) Wanta barbaachisaa taʼe ykn yerosuma gochuu qabdu yaadatti qabachuudhaan wanta raawwattu tarreessi. Wanti tokko barbaachisaa waan taʼeef qofa yerosuma hojjetamuu hin qabu. Wanti yerosuma raawwachuu barbaaddus baayʼee barbaachisaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, wanta irbaata qopheessuuf gargaaru bituun barbaachisaa taʼus dirqama yerosuma bituu qabda jechuu miti. Akkasumas, sagantaan televijiinii tokko si darbuu akka hin qabne sitti dhagaʼamus, barbaachisaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. *

Dursii karoora baafadhu. Lallabni 10:10, “Qottoon doome yoo qaramuu dhaabaate, humna baayʼee in fixa; ogummaan garuu hojii namaaf in hisachiisa” jedha. Kanarraa maal baranna? Akka fakkeenyaatti qottookee qaruun, jechuunis yerookee akka gaariitti itti fayyadamuuf dursitee karoora baafachuun barbaachisaadha. Dhimma barbaachisaa hin taaneefi yerookee gubu yeroo kaanitti dabarsi ykn sagantaakee keessaa baasi. Hojiikee fixxee yeroon yoo sii hafe, hojii yeroo kaaniif karoorfattetti darbi. Akkuma hojjetaan gamna taʼe qottoosaa dursee qaru, atis dursitee karoora baafachuudhaan hojii keetti buʼa qabeessa taʼuu ni dandeessa.

Jireenya salphaa taʼe jiraadhu. Wanta barbaachisaa hin taane ykn wanta yerookee balleessurraa fagaachuu baradhu. Ergaan takkaa waan baayʼee hojjechuuf yaaluun, akkasumas beellama hedduu qabachuun dhiphina sitti fiduufi gammachuu si dhabsiisuu dandaʼa.

Mala 2: Wantoota Yeroo Gubanirraa Fagaadhu

Harʼa bor jechuufi ejjennoo dhabuu. “Namni yeroo hundumaa qilleensa gaarii eeggatu sanyii facaasuu hin dandaʼu; namni yeroo hundumaa gara duumessaa ilaalus midhaan isaa makarachuu hin dandaʼu.” (Lallaba 11:4) Yaada kanarraa barumsa akkamii arganna? Harʼa bor jechuun yeroofi humna keenya nu jalaa qisaasa. Qonnaan bulaan haalli qilleensaa baayʼee gaarii hamma taʼutti eegu, sanyii facaasuu ykn midhaan makarachuu hin dandaʼu. Haaluma walfakkaatuun, wanti hin eegamneefi jireenya keessatti nu mudatu ejjennoo akka hin qabaanne nu gochuu dandaʼa. Yookiinimmoo, dhimma tokkorratti murtoo gochuuf tokkoon tokkoon odeeffannoo barbaachisu argachuu akka qabnu nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Murtoo barbaachisaa taʼe tokko gochuuf, qorannoo itti yaadame gochuufi dhimmicharratti akka gaariitti yaaduu akka qabnu beekamaadha. Fakkeenyi 14:15, “Namni hubataan . . . lafa dhaqu in ilaallata” jedha. Haataʼu malee, oddeeffannoo balʼaa utuu hin argatin murtoo gochuuf yeroon itti dirqamnu jira.​—Lallaba 11:6.

Humnaa ol ofirraa eeguu. Yaaqoob 3:17 (NW) ‘Ogummaan Waaqayyoo sababa qabeessadha’ jedha. Wanta tokko qulqullinaan hojjechuun keenya gaariidha. Taʼus, humna keenyaa ol ofirraa eeguun, wanta hojjennutti akka hin gammanneefi milkaaʼina akka hin arganne nu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namni qooqa haaraa baratu tokko akka dogoggoruufi dogoggorasaarraas barachaa akka deemu eeguu qaba. Namni humnaa ol ofirraa eegu garuu, wanta dogoggora taʼen dubbadha jedhee sodaachuu dandaʼa; kunimmoo, guddina akka hin argisiisne isa godha. Wanta ofirraa eegnu ilaalchisee humna ofii kan beeknu taʼuun keenya baayʼee barbaachisaadha! Fakkeenyi 11:2, “Yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa” jedha. Kana malees, namni gad of deebisuufi humnasaa beeku dogoggora hojjetetti kolfee darba malee of hin dhiphisu.

“Wanta Bittu Tokkoof Qarshii Utuu Hin Taʼin, Yerookee Kaffalta.”​—Waat tuu Duu Bitwiin Barz eend Deez

Mala 3: Ilaalcha Madaalamaafi Dhugaarratti Hundaaʼe Qabaadhu

Hojiifi bashannana ilaalchisee madaalliikee eegi. “Rakkinaan itti dadhabanii harka lama guutuu qabaachuu mannaa, gabiitti harka tokko guutuu qabaachuu wayya.” (Lallaba 4:6) Yeroo baayʼee namoonni garmalee hojii jaallatan buʼaa “itti dadhabanii harka lama guutuu” argatanitti hin gammadan. Sababiinsaas, yeroofi humna gaʼaa taaʼanii itti gammadan waan hin qabneefidha. Namoonnii dhibaaʼoo taʼanimmoo, “harka lama guutuu” boqochuu waan barbaadaniif yeroosaanii isa baayʼee barbaachisaa taʼe gubu. Macaafni Qulqulluun namni tokko ilaalcha madaalamaa akka qabaatu jajjabeessa. Kanaaf, jabaadhuu hojjedhu, buʼaa hojii keerraa argatteenis gammadi. Gammachuun akkasii “kennaa [Waaqayyoo] ti.”​—Lallaba 5:19.

Hirriba gaʼaa rafi. Barreessaan Macaafa Qulqulluu tokko, “Ani akkuman ciiseen nagaatti nan rafa” jedheera. (Faarfannaa 4:8) Gaʼeessonni hedduun qaamaafi sammuu fayya qabeessa qabaachuu akka dandaʼaniif guyyaatti saʼaatii saddeet rafuu qabu. Hirriba gaʼaa rafuun dandeettii xiyyeeffannaafi waa yaadachuu nuu guddisa; kunimmoo dandeettii waa barachuu nuu fooyyessa. Kanaaf, yeroo hirribarratti dabarsinu akka waan yeroo keenya gubnetti nutti dhagaʼamuu hin qabu. Karaa garabiraammoo, hirriba gaʼaa dhabuun, dandeettiin waa barachuu akka hirʼatu gochuu, akkasumas balaan akka uumamu, dogoggora akka hojjennuufi amala akka dhabnu nu gochuu dandaʼa.

Galma irra gaʼuu dandeessu baafadhu. “Wanta argachuudhaaf yaadaan jooran irra, wanta of biratti argatan wayya.” (Lallaba 6:9) Yaanni kun ergaa akkamii qaba? Namni ogeessi hawwiinsaa, keessumaammoo hawwiin milkaaʼuu hin dandeenyeefi qabatamaa hin taane jireenyasaa akka toʼatu hin heyyamu. Kanaaf, beeksisa nama hawwatuun hin gowwoomu ykn salphaadhumatti liqii keessa hin seenu. Kanaa manaa ‘wanta of biratti argatetti,’ jechuunis wanta qabutti ni gammada.

Mala 4: Seera Gaarii Taʼeen Geggeeffami

Seera ittiin geggeeffamturratti yaadi. Seerri ittiin geggeeffamtu wanta gaarii, barbaachisaafi buʼa qabeessa taʼe adda baafachuuf si gargaara. Jireenyakee xiyyaan yoo fakkeessine, seerri ittiin geggeeffamtummoo xiyya sana akeekuuf si gargaara. Kanaaf, seera gaarii ittiin geggeeffamtu qabaachuunkee wantoota jireenyakee keessatti dursa kennuufii qabdu adda baafachuuf, akkasumas yerookeetti akka gaariitti fayyadamuuf si gargaara. Seera akkasii eessaa argachuu dandeessa? Namoonni hedduun Macaafni Qulqulluun ogummaa hunda caalu akka qabate waan hubataniif, seera kana argachuuf macaafa kanatti fayyadamu.​—Fakkeenya 2:6, 7.

Seerri ittiin geggeeffamtu inni guddaan jaalala haataʼu. Qolosaayis 3:14, “Jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa” jedha. Jaalala utuu hin qabaatin, keessumaammoo maatii keessatti, gammachuu dhugaafi tasgabbii miiraa argachuu hin dandeenyu. Namoonni haala kana amananii fudhachuu dhiisuudhaan qabeenyaafi hojiisaaniitiif dursa kennan gammachuu argachuu hin dandaʼan. Kanaaf, Macaafni Qulqulluun jaalalli seera hundarra caalu akka taʼe ibsuunsaafi jaalala yeroo dhibbaan lakkaaʼamuuf caqasuunsaa sirriidha.—1 Qorontos 13:1-3; 1 Yohannis 4:8.

Fedhii hafuuraakee guuttachuuf yeroo ramadi. Namni Jeef jedhamu, haadha manaa jaalala qabeessa taate, ijoollee gammadoo taʼan lamaafi hiriyoota gaarii taʼan kan qabu siʼa taʼu, hojii yaalii fayyaa wajjin wal qabateefi kaffaltii gaarii isaaf argamsiisu hojjeta ture. Hojiisaa kanarraan kan kaʼes, yeroo baayʼee namoonni yommuu dhiphataniifi ennaa duʼan ni arga ture. Kanaaf, “Jireenyi akkas taʼuu qabaa?” jedhee ni gaafata ture. Achiis yeroo tokko, barreeffama Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼeefi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe dubbisee deebii quubsaa taʼe argate.

Jeef wanta hubate haadha manaasaafi ijoolleesaatti kan hime siʼa taʼu, isaanis wanta kana beekuuf fedhii argisiisan. Achis, maatiin kun Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqaban; kunis jireenyisaanii gammachuu akka qabaatuufi yeroosaaniitti caalaatti ogummaadhaan akka fayyadaman isaan gargaareera. Macaafa Qulqulluu qayyabachuunsaanii, abdii dinqisiisaa addunyaa dhiphinniifi rakkinni keessa hin jirre keessa barabaraaf jiraachuus isaaniif argamsiiseera.​—Mulʼata 21:3, 4.

Muuxannoon Jeef jecha Yesus isa, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan” jedhu nu yaadachiisa. (Maatewos 5:3) Atoo fedhii hafuuraakee guuttachuuf yeroo muraasa ramaduu ni barbaaddaa? Akkas gochuunkee, ogummaa hundarra caaluufi jireenyakeetti akka gaariitti fayyadamuuf si gargaaru akka siif argamsiisu mirkanaaʼaa taʼi.

^ key. 5 Mataduree, “Karaawwan 20 Yeroo Dabalataa Argachuuf Gargaaran” jedhuufi Dammaqaa! Ebla 2010⁠rra jiru ilaali. (Amaariffa)