Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaa Mara Irraa

Addunyaa Mara Irraa

Yunaayitid Isteetis

Poolisoonni, teknooloojii konkolaataa shakkamtootaa duukaa yeroo buʼanitti balaa uumamu hirʼisuuf gargaaru fayyadamaa jiru. Malli inni tokko, meeshaa qilleensaan guutamee fi dhukaasuuf gargaaru konkolaataa poolisootaatti hidhuu dha. Meeshaan kun meeshaa bakka wanti tokko jiru beekuuf gargaaru dhukaasanii konkolaataa duukaa buʼamutti qabsiisuuf gargaara. Karaa kanaan, poolisoonni saffisa balaadhaaf isaan hin saaxilleen shakkamtoota hordofuu ni dandaʼu.

Hindii

Walitti buʼiinsa sababii gabbarsuu gaaʼelaatiin uumamuun, saʼaatii tokko keessatti dubartiin tokko akka ajjeefamtu tilmaamama. Aadaan gabbarsuu kennuu ykn fudhachuu seeraan kan dhorkame taʼus, misirrichi ykn maatiin isaa gabbarsuun argatan gaʼaa akka hin taane yaaduu isaaniitiin kan kaʼe bara 2012tti dubartoonni 8,200 ol taʼan ajjeefamaniiru.

Siwiizarlaandi

Meeshaa xinnoon mallattoo kennuu fi bakka hormaataa isaanitti simbirroota alpaayin iswiifti jedhaman sadiitti qabsiifame, simbirroonni kun gara Afriikaatti yeroo godaananitti utuu hin qubatin guyyaa 200 oliif akka balaliʼan argisiiseera. Kanaan dura utuu addaan hin kutin karaa hammanaa kan deeman bineensota bishaan keessaa qofa akka taʼan yaadama ture.

Gaanfa Afriikaa

Ebla 2005 hanga Muddee 2012tti saamtonni galaana irraa, qarqara galaanaa naannoo Gaanfa Afriikaatti dooniiwwan 179 taʼan qabataniiru. Akka tilmaama qorannaa Baankii Addunyaatti, saamtonni kun dooniiwwan qabatan gadhiisuuf doolaara Ameerikaa miliyoona 413 taʼu fudhataniiru.