Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaa Mara Irraa

Oduu Walitti Dhufeenya Irratti Xiyyeeffate

Oduu Walitti Dhufeenya Irratti Xiyyeeffate

Walitti dhufeenyaa wajjin haala wal qabateen gorsa yoo barbaadde, Kitaabni Qulqulluun filannoo kee isa jalqabaa moo isa dhumaa ti? Gorsi Kitaaba Qulqulluu bara durii fi qorannoowwan ammayyaa akkamitti akka wal bira qabaman ilaali.

HINDI

Qorannoon bara 2014⁠tti godhame akka argisiisutti dargaggoota umurii waggaa 18-25 gidduu jiran keessaa dhibbeentaan 61 saalqunnamtiin gaaʼela dura godhamu, “Hindi keessatti wanta nama dinqisiisu taʼuun isaa hafeera” jedhanii amanu. Ogeessi fayyaa teessoon isaa Muumbaayi taʼe tokko gaazexaa Ingiliffaa Hindustan Times jedhamutti, akkana jechuudhaan ilaalcha isaa ibseera: “Dargaggoonni walitti dhufeenyatti kan seenan gaaʼela yaadanii miti. Walitti dhufeenyi isaanii kan halkan tokkoo ykn kan akka tasaa uumame yoo taʼe ykn seeraan ala waliin kan jiraatan yoo taʼes waaʼee gaaʼelaa hin yaadan.”

WANTA IRRATTI YAADAMUU QABU: Yeroo baayʼee dhukkubawwan sababii saalqunnamtiitiin daddarbanii fi jeequmsi miiraa kan uumamu saalqunnamtii gaaʼela dura moo gaaʼela booda raawwatamuuni dha?—1 Qorontos 6:18.

DEENMAARKI

Miseensota maatii wajjin yeroo baayʼee wal qoccoluun carraan umurii gidduu galeessaatti duʼuu dachaadhaan akka dabalu godha. Qorattoonni Yunivarsiitii Kooppanhaagan namoota umurii gidduu galeessaa 10,000 irratti waggoota 11f qorannaa godhaniin, namoota kana keessaa warri namoota isaanitti dhihaatanii wajjin yeroo baayʼee wal qoccolan, warra darbee darbee walitti buʼan irra dursanii akka duʼan beekuu dandaʼaniiru. Barreessituun qoʼannaa kanaa akkaataan itti yaaddoo keessa dabarruu fi rakkina itti furru, “tooftaalee itti yeroo malee duʼuu hirʼisnu taʼuu dandaʼu” jetteetti.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Namni beekaan of qusachaa dubbata, namni hubataanis hin banbanu.”—Fakkeenya 17:27.

YUNAAYITID ISTEETIS

Qorannaan Luusiiniyaa keessatti hiriyoota gaaʼelaa dhiheenyatti wal fuudhan 564 irratti godhame akka argisiisutti, namoonni yeroo wal qorachaa turanitti gargar baʼanii walitti deebiʼan, carraan gaaʼela godhatanii waggaa shan keessatti seeraan gargar baʼuu isaanii balʼaa dha. Kana malees, yeroo baayʼee walitti buʼuu fi gaaʼela isaaniitti gammaduu dhiisuu dandaʼu.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Wanta Waaqayyo [gaaʼelaan] walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.”—Maatewos 19:6.