Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maqaa gaarii qabaachuun akka amanamnuu fi akka kabaja argannu godha

“Badhaadhummaa Guddaa Irra, Maqaa Gaarii Wayya”

“Badhaadhummaa Guddaa Irra, Maqaa Gaarii Wayya”

MAQAA gaariin gatii guddaa waan qabuuf, biyyoota tokko tokko keessatti seeraan eegamaa dha. Kun immoo (dubbiidhaan, barreeffamaan ykn sabqunnamtiidhaan) maqaan namaa akka hin balleeffamne eeguu dabalata. Kunis jechama bara durii kana nu yaadachiisa: “Badhaadhummaa guddaa irra, maqaa gaarii wayya; meetii yookiis warqee irra, faara tolaadhaan ilaalamuu wayya.” (Fakkeenya 22:1) Maqaa gaarii fi kabaja namootaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Kitaaba Qulqulluu keessaa gorsa gaarii arganna.

Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun Faarfannaa boqonnaa 15 irratti maal akka jedhu hubadhu. Faarfatichi gaaffii “Godoo [Waaqayyoo] keessa eenyutu buufata ree?” jedhuuf deebii yommuu kennu akkana jedhee barreesseera: “Nama wanta qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatiin dhugaa dubbatu, nama . . . asii fi achi hin labne, nama nama irratti hamaa hin hojjenne, nama ollaa isaa hin ceephaane; namni Waaqayyoon gate gatamee ija isaatti tuffatamaa taʼee kan ilaalamu . . . wanti inni wareege kan isa miidhu yoo taʼe iyyuu, wareega isaa utuu hin geddarin kan raawwatu . . . gabbarsuu kan hin fudhanne.” (Faarfannaa 15:1-5) Nama dhugaawwan buʼuuraa kana eegee jiraatu hin kabajjuu ree?

Amalli kan biraan kabaja argamsiisu gad of qabuu dha. Fakkeenyi 15:33, “Ulfina dura gad of deebisuutu jira” jedha. Namoonni gad of qaban gama kamiin fooyyaʼiinsa gochuu akka qaban hubatanii, fooyyaʼiinsa gochuuf carraaqqii guddaa godhu. Nama tokko akka mufachiisan yoo beekanis dhiifama gaafachuun isaanitti hin ulfaatu. (Yaaqoob 3:2) Namoonni of tuulan garuu namoota akkasii irraa adda waan taʼaniif dheekkamsaaf ariifatu. Fakkeenyi 16:18, “Of gurguddisuun badiisatti, of bokoksuunis kufaatitti nama in geessa” jedha.

Taʼus, namni tokko maqaa gaarii qabdu yoo balleesse hoo? Battaluma sanatti, tarii immoo yeroo aarte jirtutti isaaf deebisuu qabdaa? Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Maqaa koo bade sirreessuuf utuun tarkaanfii fudhadhee, soba na irratti dubbatame caalaatti akka babalʼatun godhaa?’ Yeroo tokko tokko tarkaanfii seeraa fudhachuun sirrii taʼus, Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii akkana jedhu kenna: “Wanta tokko ijuma keetiin argiteef ariifattee gara yaaʼiitti hin fidin! . . . Namatti waan falmitu yoo qabaatte, namichumatti falmadhu.” (Fakkeenya 25:8, 9) * Karaa kanaan dhimma kee furuuf carraaquun kee, baasii seeraa wajjin wal qabate irraa si baraara.

Kitaabni Qulqulluun, kitaaba amantii qofa miti. Kitaaba gorsa gaarii jireenyaaf barbaachisu qabate dha. Namoonni gorsa isaa ogummaa irratti hundaaʼe hojii irra oolchan hundi, amala kabaja akka argatanii fi maqaa gaarii akka qabaatan godhu horatu.

^ key. 5 Walitti buʼiinsa furuu ilaalchisee dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu dabalataa Maatewos 5:23, 24; 18:15-17 irra argachuu dandeessa.