Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA IRRAA MAAL BARANNA?

Alhaazan

Alhaazan

WAAʼEE Abuu Alii Alhaasan Iibin Al Haaytaam dhageessee hin beektu taʼa. Maqaan isaa Afaan Arabaatiin Al Haasan jedhu, Awurooppaa fi Ameerikaatti Afaan Laatiiniitti jijjiiramee Alhaazan jedhamee beekama. Taʼus wanta inni jireenya isaa keessatti raawwate irraa faayidaa argachuu hin ooltu. “Namoota seenaa saayinsii keessatti iddoo guddaa qabanii fi dhiibbaa guddaa geessisan keessaa tokko akka taʼetti” ibsama.

Alhaazan Baasraa ishii amma Iraaqitti argamtu keessatti naannoo Dh.K.B. bara 965⁠tti dhalate. Wantoonni inni irratti hojjete waaʼee qorannoo hawaa, kemistirii, herrega, yaalii fayyaa, muuziqaa, ifaa, fiiziksii fi walaloo kan dabalatu ture. Wanti keessumaa akka isa galateeffannu nu taasisu maali dha?

HIDHA LAGA ABBAYYAA

Alhaazan ilaalchisee seenaan tokko yeroo dheeraadhaaf dubbatamaa tureera. Kunis karoora inni akkaataa itti Lagni Abbayyaa yaaʼu toʼachuuf baase dha; kunis gara waggaa 1,000 booda bara 1902 Aswaanitti hojjetamuu isaa dura dha.

Seenichi itti fufuudhaan Alhaazan balaa lolaa fi hoongee Gibxii keessatti irra deddeebiʼee uumamu xiqqeessuuf, Laga Abbayyaa irratti hidha hojjechuuf karoorfatee akka ture ibsa. Bulchaan Kaayiroo Kaliif Al Haakim waaʼee yaada kanaa yeroo dhagaʼu, hidhicha akka ijaaruuf Alhaazaniin gara Gibxiitti waame. Taʼus, Alhaazan lagicha ija isaatiin yeroo argu hojichi humna isaa ol akka taʼe hubate. Bulchaan hamaan tasgabbii hin qabne kun na adaba jedhee waan sodaateef, waggaa 11 booda bara 1021⁠tti bulchaan sun hamma duʼutti Alhaazan lubbuu isaa oolchuuf jecha waan maraate of fakkeessee jiraachaa ture. Mana isaaf kenname keessaa akka hin baane yeroo dhorkametti Alhaazan wantoota hojjechuu barbaadu kan biroo irratti xiyyeeffachuuf yeroo dabalataa argatee ture.

KITAABA BOOK OF OPTICS JEDHAMU

Alhaazan yeroo gadhiifametti kitaaba isaa isa Book of Optics jedhamuu fi jildii torba qabu harka caalaa isaa barreessee ture. Kitaabni kun “kitaabota seenaa fiiziksii keessatti iddoo guddaa qaban keessaa tokko” akka taʼetti ilaalama. Kitaaba kana keessatti uumama ifaa irratti, jechuunis halluun gara garaa ifa keessa jiru akkamitti akka faffacaʼu dabalatee, daawwitii irraa akkamitti calaqqisee akka deebiʼuu fi wanti ifa dabarsu tokko gara isa kaaniitti yommuu darbu akkamitti kallattii isaa akka jijjiiru ilaalchisee yaalii taasise ibseera. Kana malees, wanta tokko akkamitti akka ilaallu, iji akkamitti akka uumamee fi sirna iji ittiin hojjetu qorateera.

Jaarraa 13⁠ffaatti hojiiwwan Alhaazan Afaan Arabaa irraa gara Afaan Laatinitti kan hiikaman siʼa taʼu, hayyoonni Awurooppaa jaarraa hedduudhaaf kitaaba kana irraa akka ragaatti caqasaa turaniiru. Wantoonni Alhaazan amala leensii ilaalchisee barreesse, namoonni Awurooppaa fuullee ijaa hojjetan, leensoota wal fuuldura kaaʼuudhaan teleskooppii fi maayikirooskooppii akka kalaqan buʼuura cimaa isaaniif taʼeera.

KAAMEERAA DURII

Alhaazan kaameeraa durii isa jalqabaa jedhamuu dandaʼu yommuu hojjetetti seerawwan hojii suuraatiif buʼuura taʼan adda baasee ibseera. Meeshaan kun “kutaa dukkanaa” ifni qaawwaa xinnoodhaan itti seenu keessatti, fakkii wanta ala jiru sana keenyan kutaa keessaa irratti gad garagalchee argisiisa.

Alhaazan kaameeraa durii isa jalqabaa jedhamuu dandaʼu hojjeteera

Jaarraa 19⁠ffaatti pileetiin suuraa kaasuuf gargaaru, fakkii kaase qabatee akka tursuuf kaameeraa durii irratti dabalameera. Buʼaan isaa maal ture? Kaameeraa dha. Kaameeraan ammayyaa hundis taʼe iji, seeruma kaameeraan durii kun ittiin hojjetutti fayyadamu. *

MALA SAAYINSII

Hojii Alhaazan keessaa iddoo guddaa kan qabu, qoʼannaa inni taʼeewwan uumamaa irratti of eeggannoo cimaa fi tooftaadhaan hojjete dha. Malli inni itti fayyadame yeroo sanatti baayʼee baramaa hin turre. Qorattoota jalqabaa yaadrimee gochaan yaalan keessaa tokko dha; ragaan argame wanta kanaan dura fudhatama argate hin deggeru taanaanis gaaffii gaafachuu hin sodaatu ture.

Yaadni ijoon saayinsiin ammayyaa ittiin qajeelfamu jecha gabaabaadhaan, “Wanta itti amantu dhugaa taʼuu isaa mirkaneessi!” kan jedhu dha. Namoonni tokko tokko Alhaazan “abbaa mala qoʼannoo saayinsii ammayyaa” akka taʼe dubbatu. Kana irratti hundaaʼuudhaan sababa itti isa galateeffannu hedduu qabna.

^ key. 13 Walfakkeenyi kaameeraa durii fi ija gidduu jiru, hamma jaarraa 17 Johaannes Keepler ibsetti Awurooppaa fi Ameerikaatti akka gaariitti hin hubatamne ture.