Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maqaan Waaqayyoo inni dhuunfaan qubee Afaan Ibrootaa duriitiin barreeffame Kitaaba Qulqulluu harkaan barreeffame durii hedduu irratti ni argama

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Maqaa Waaqayyoo

Maqaa Waaqayyoo

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Waaqayyoon maqaawwan ulfinaa kan akka Gooftaa, isa barabaraaf jiraatu, Allaah ykn Waaqayyo jedhanii waamu. Haa taʼu malee, Waaqayyo maqaa dhuunfaa qaba. Maarree maqaa kanatti fayyadamuu qabdaa?

Maqaan Waaqayyoo eenyu dha?

NAMOONNI TOKKO TOKKO MAAL JEDHU?

 

Namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhan hedduun, maqaan Waaqayyoo Yesuusi dha jedhu. Namoonni kaan immoo, Waaqni hundumaa dandaʼu tokko qofa waan taʼeef maqaa dhuunfaadhaan isa waamuun hin barbaachisu jedhu. Warri kaanis, Waaqayyoon maqaa dhuunfaa isaatiin waamuun sirrii miti jedhanii falmu.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

 

Yesuus Waaqa Hundumaa Dandaʼu waan hin taaneef, maqaan Waaqa isa Hundumaa Dandaʼuu Yesuus miti. Yesuus iyyuu namoonni, “Yaa Abbaa, maqaan kee haa qulqullaaʼu” jedhanii Waaqayyoon akka kadhatan barsiiseera. (Luqaas 11:2) Ofii isaatii yommuu kadhatus, “Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni” jedheera.—Yohaannis 12:28.

Kitaaba Qulqulluu keessatti Waaqayyo, “Ani [“Yihowaa,” NW] dha, maqaan koo isa kana; ani ulfina koo kan biraatiif hin kennu” jedheera. (Isaayaas 42:8) Qubeewwan dubbifamoo afaan Ibrootaa YHWH jedhanii fi maqaa Waaqayyoo bakka buʼan, Afaan Oromootiin “Yihowaa” jedhamanii hiikamaniiru. Maqaan kun Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti gara siʼa 7,000 caqasameera. * Kana jechuunis baayʼinni isaa maqaawwan ulfinaa “Waaqayyo,” “Waaqa Hundumaa Dandaʼuu” ykn “Gooftaa” jedhan, akkasumas maqaa namootaa, kan akka Abrahaam, Musee fi Daawit jedhan irra ni caala jechuu dha.

Yihowaan Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo kamitti iyyuu maqaa isaatti karaa ulfina qabuun fayyadamuu hin dhorkine. Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun tajaajiltoonni Waaqayyoo bilisummaadhaan maqaa isaatti fayyadamaa akka turan ibsa. Maqaawwan ijoollee isaaniif baasanittis dabalaniiru; fakkeenyaaf, Eliyaas jechuun “Waaqni Koo Yihowaa Dha” jechuu dha, Zakkaariyaas jechuun immoo “Yihowaan Yaadateera” jechuu dha. Kana malees, dubbii isaanii keessatti maqaa Waaqayyootti fayyadamuu irraa duubatti hin jedhan turan.—Ruut 2:4, NW.

Waaqayyo maqaa isaatti akka fayyadamnu barbaada. Nutis, “Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaa waammadhaa” jedhamnee jajjabeeffamneerra. (Faarfannaa 105:1) Yihowaan warra ‘maqaa isaatiif ulfina kennaniif’ ykn ‘maqaa isaa irratti xiinxalaniif’ xiyyeeffannaa ni kenna.—Miilkiyaas 3:16.

“Maqaan kee [“Yihowaa,” NW] akka taʼe, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru taʼuu kees haa beekan!”—Faarfannaa 83:18.

Maqaan Waaqayyoo hiikni isaa maali dha?

Hayyoonni tokko tokko Afaan Ibrootaatiin maqaan “Yihowaa” jedhu, hiikni isaa “Akka Taʼu Godha” kan jedhu akka taʼe amanu. Hiikni kun Waaqayyo kaayyoo isaa raawwachuuf innis taʼe uumamni isaa wanta barbaachisu hunda akka taʼan gochuu akka dandaʼu argisiisa. Hiika maqaa kanaa raawwachuu kan dandaʼu Uumaa isa hundumaa dandaʼu qofa dha.

MAQAAN KUN SIIF HIIKA MAALII QABA?

 

Maqaa Waaqayyoo beekuun kee ilaalcha isaaf qabdu irratti jijjiirama fida. Isatti dhihaachuun akka siif salphatu taasisa. Nama tokko maqaa isaa utuu hin beekin isatti dhihaachuun hin dandaʼamu. Waaqayyo maqaa isaa si beeksisuun isaa akka ati isatti dhihaattu akka barbaadu argisiisa.—Yaaqoob 4:8.

Yihowaan hiika maqaa isaa wajjin haala walsimuun, Waaqa wanta waadaa gale hunda raawwatu akka taʼe mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Kitaabni Qulqulluun, “Warri maqaa kee beekan kooluu sitti in galu” kan jedhu kanaafi. (Faarfannaa 9:10) Atis maqaan Yihowaa amaloota isaa kan akka jaalala amanamaa, araara, gara laafinaa fi haqaa wajjin akka wal qabatu yeroo hubattu amantaa akkasii ni horatta. (Baʼuu 34:5-7) Yihowaan waadaa gale yeroo raawwatu hundatti, wanta amala isaa wajjin walfaallessu matumaa akka hin raawwanne beekuun baayʼee nama jajjabeessa.

Dhugaa dubbachuuf, Waaqa Hundumaa Dandaʼu maqaadhaan beekuun mirga guddaa dha. Yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti eebba siif argamsiisa. Waaqayyo, “Waan inni maqaa koo beekuufis, eegumsaan ol isa nan qaba” jedhee waadaa galeera.—Faarfannaa 91:14.

“Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya.”—Hojii Ergamootaa 2:21.

Maqaa Waaqayyoo afaan adda addaatiin

^ key. 9 Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun maqaa Waaqayyoo baasanii, maqaa ulfinaa “GOOFTAA” jedhu qubee guguddaatiin bakka buusaniiru. Warri kaan immoo, maqaa Waaqayyoo caqasoota muraasa ykn miiljalee irratti qofa galchaniiru. Kitaabni Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa garuu maqaa Waaqayyoo guutummaa isaa keessatti fayyadameera.