Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akkuma batoon bidiruun tokko kallattii sirriirra akka deemu godhu adabnis ijoollee ni qajeelcha

WARRAAF

6: Adaba Kennuu

6: Adaba Kennuu

MAAL JECHUUDHA?

Jechi adaba jedhu hiika qajeelchuu ykn barsiisuu jedhu qabaachuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko adabni amala ijoollee sirreessuu dabalata. Yeroo baayʼee garuu barumsa naamusaa ijoolleen filannoo gaarii akka godhan isaan dandeessisu dursanii barsiisuu dabalata.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Waggoottan kurnan darbanitti, maatiiwwan tokko tokko keessatti warri kabaja ijoolleen ofiif qaban dhabsiisa jedhanii waan sodaataniif ijoollee isaanii adabuu dhiisaniiru jechuun ni dandaʼama. Haa taʼu malee, warri ogeeyyii taʼan seerota madaalawaa taʼan ni baasu, seerota kana akka eeganis ijoolleen isaanii ni leenjisu.

“Ijoolleen karaa hundumaa guddina akka godhaniif, wanti gochuu qabanii fi gochuu hin qabne isaanitti himamuu qaba. Ijoolleen adabni hin kennamneef, bidiruu batoo hin qabnee fi dhuma irratti kallattii dogoggoraatti deemuu ykn garagaluu dandaʼuu wajjin wal fakkaatu.”—Paameelaa.

WANTA GOCHUU DANDEESSAN

Yaada keessan hin jijijjiirinaa. Mucaan keessan seera baastan utuu hin eegin yoo hafe, adaba itti himtan isa adabaa. Seera baastan yoo eegemmoo isa galateeffadhaa.

“Addunyaa ajajamuun baramaa hin taane keessatti ijoolleen koo ajajamoo taʼuu isaaniitiif yeroo baayʼeen isaan galateeffadha. Akkas gochuun koo sirreeffama fudhachuun akka isaanitti salphatu godha.”—Kiristiin.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni waanuma facaase sana haammata.”—Galaatiyaa 6:7.

Madaallii keessan eeggadhaa. Adaba yommuu kennitan umurii fi dandeettii isaanii, akkasumas cimina balleessaa sanaa tilmaama keessa galchaa. Adabbiin buʼa qabeessa kan taʼu dogoggora raawwatame wajjin kan wal gitu yoo taʼedha; fakkeenyaaf, itti fayyadama moobaayilii ilaalchisee seera baastan yoo eeguu baatan, yeroo murtaaʼeef bilbila akka hin fayyadamne isaan dhorkuu dandeessu. Kana malees, waanuma isin aarseef qofa wantoota xixinnoorratti hin dheekkaminaa.

“‘Mucaan koo utuu hin ajajamin kan hafe beekaadhamoo, dogoggoreeti?’ isa jedhu adda baafachuufan yaala. Amala gadhee sirreeffamuu qabuu fi gocha salphaa dogoggora akka taʼe itti himamuu qabu gidduu garaagarummaan jira.”—Weendal.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Hamileen isaanii akka hin cabneef, ijoollee keessan hin aarsinaa.”—Qolosaayis 3:21.

Jaalala qabaadhaa. Warri isaanii kan isaan adaban jaalalaan kakaʼanii akka taʼe yoo beekan, adabicha fudhachuun isaaniif salphata.

“Ilmi keenya yommuu dogoggora raawwatu murtoo gaarii inni kanaan dura godhe hundaaf akka isatti boonnu isatti himna. Isa gargaaruuf qophaaʼoo akka taanee fi hamma inni sirreeffama barbaachisu godhetti dogoggorri isaa maqaa gaarii inni qabu akka hin balleessine ibsinaaf.”—Daaniʼel.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Jaalalli ni obsa, gaarummaas ni argisiisa.”—1 Qorontos 13:4.