Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DHIPHINARRAA BOQONNAA ARGADHU

Wantoonni Dhiphinaaf Sababa Taʼan Maalfaʼi?

Wantoonni Dhiphinaaf Sababa Taʼan Maalfaʼi?

Kilinikni beekamaan Maayoo Kilinik jedhamu, “gaʼeessonni baayʼeen dhiphina cimaa keessa akka jiran gabaasuu isaanii” dubbateera. “Jireenyi addunyaa yeroo ammaa jiru jijjiiramaa fi haalawwan amansiisoo hin taaneen kan guutamedha.” Mee jijjiiramoota, akkasumas haalawwan amansiisoo hin taanee fi dhiphinaaf gumaacha godhan tokko tokko haa ilaallu:

  • wal hiikuu

  • nama jaallatan duʼaan dhabuu

  • dhukkuba cimaa

  • balaa cimaa

  • yakka

  • muddama jireenyaa

  • balaa uumamaa ykn nam-tolchee

  • dhiibbaa mana barumsaatti ykn bakka hojiitti mudatu

  • waaʼee hojii fi qarshii yaaddaʼuu