Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DHIPHINARRAA BOQONNAA ARGADHU

Dhiphinni Maalidha?

Dhiphinni Maalidha?

Dhiphinni yommuu haalli rakkisaan si mudatu tarkaanfii qaamni kee fudhatudha. Yeroo kanatti sammuun kee gara guutummaa qaama keetti hormoonota hedduu erga. Hormoononni kun rukuttaan onnee kee akka dabalu gochuu, dhiibbaa dhiigaa kee toʼachuu, sombi kee akka balʼatu ykn akka dhiphatuu fi maashaaleen kee akka shuntuuran gochuu dandaʼu. Wanta taʼaa jiru guutummaatti hubachuu kee dura qaamni kee tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼa. Yeroo tasgabbooftu qaamni kee tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼuu isaa dhiisee bakka duraaniitti deebiʼa.

DHIPHINA GAARII FI HAMAA

Dhiphinni tarkaanfii uumamaan fudhattuu fi haalawwan rakkisaa ykn miidhaa geessisaniif akka qophooftu si dandeessisudha. Tarkaanfiin yeroo dhiphattutti fudhattu sammuu kee keessaa jalqaba. Dhiphinni gaariin daftee tarkaanfii akka fudhattu si dandeessisa. Hamma tokko dhiphachuun kee tarii yeroo qormaataatti, hojiidhaaf qacaramuuf gaafannoon yeroo siif godhamutti ykn tapha ispoortii tokkorratti galmawwan keerra akka geessu ykn buʼaa gaarii akka argattu si gargaaruu dandaʼa.

Haa taʼu malee, dhiphinni yeroo dheeraadhaaf turuu fi cimaa taʼe ykn garmalee hamaa taʼe si miidhuu dandaʼa. Qaamni kee irra deddeebiʼee ykn utuu addaan hin kutin tarkaanfii fudhachuuf kan qophaaʼu yoo taʼe, qaamni kee, miirri kee fi sammuun kee hubamuu jalqaba. Akkaataa itti warra kaan qabdu dabalatee amalli kee jijjiiramuu dandaʼa. Dhiphinni garmalee cimaa taʼe araadaaf saaxilamuu fi wantoota sirrii hin taane kan biroo raawwachuutti nama geessuu dandaʼa. Kana malees, dhiphina sammuutti, garmalee bututuu ykn of ajjeesuuf yaaduuttillee nama geessuu dandaʼa.

Dhiphinni nama hundarratti dhiibbaa wal fakkaatu geessisuu baatus, dhukkuboota adda addaatiif nama saaxiluu dandaʼa. Akkasumas guutummaa qaamaarratti dhiibbaa gochuu dandaʼa.