Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Beekumsa Waaqayyotti Dhihaachuuf Nu Gargaaru

Beekumsa Waaqayyotti Dhihaachuuf Nu Gargaaru

Uumaan keenya humnuma taʼe tokko qofa miti. Kanaa mannaa, qaama amalawwan namatti tolan qabu dha. Waaʼee isaa akka barannuu fi isatti akka dhihaannu barbaada. (Yohaannis 17:3; Yaaqoob 4:8) Waaʼee ofii isaa wantoota hedduu kan nutti himes kanaafi.

Uumaan Keenya Maqaa Qaba

“Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii taʼuu kee namoonni haa beekan.”—FAARFANNAA 83:18.

Kitaabni Qulqulluun Waaqni dhugaan tokkichi Yihowaa akka taʼe dubbata. Uumama cufaa fi jireenya hundumaa kan uume isa dha. Isa qofa waaqeffachuu qabna.—Mulʼata 4:11.

Yihowaan Waaqa Jaalalaa Ti

“Waaqayyo jaalala.”—1 YOHAANNIS 4:8.

Yihowaan karaa Kitaaba Qulqulluu fi karaa uumamawwan isaa amalawwan isaa hedduu argisiiseera. Amalli isaa inni hunda irra caalu jaalala dha. Wanta hundumaa kan hojjetu jaalalaan kakaʼee ti. Waaʼee Yihowaa caalaatti barachaa yommuu deemnu caalaatti isa jaallanna.

Yihowaan Waaqa Dhiifama Namaaf Godhu Dha

‘Ati Waaqa dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼe dha.’—NAHIMIYAA 9:17.

Yihowaan cubbuu akka dhaalle beeka. Kanaafuu, “dhiifama [nuuf] gochuuf qophaaʼaa” dha. Balleessaa raawwannetti gadduu keenya yommuu isatti himnuu fi irraa deebiʼuuf yommuu carraaqqii goonu, dhiifama nuuf godha, cubbuu keenyas nutti hin lakkaaʼu.—Faarfannaa 103:12, 13.

Yihowaan Kadhannaa Keenya Dhagaʼuu Barbaada

“Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti . . . dhihoo dha . . . Iyya gargaarsa argachuuf dhageessisan ni dhagaʼa.”—FAARFANNAA 145:18, 19.

Yommuu Yihowaa waaqeffannu sirna addaa tokko raawwachuun ykn fakkiiwwanii fi wantoota kan birootti fayyadamuun nu hin barbaachisu. Akkuma warri jaalala qabeeyyii taʼan ijoollee isaanii dhaggeeffatan innis kadhannaa keenya ni dhaggeeffata.