Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ogummaa Argachuu ni Dandeessa

Ogummaa Argachuu ni Dandeessa

“Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin . . . barreeffaman.” (2 Ximotewos 3:16) Yaanni “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin” jedhu Waaqni inni Hundumaa Dandaʼu yaada isaa sammuu namoota Kitaaba Qulqulluu barreessanii keessa akka kaaʼe argisiisa.

Waaqayyo Ogummaa Isaa Irraa Akka Fayyadamtu Barbaada

“Ani . . . Yihowaa isa wanta si fayyadu si barsiisu, karaa irra deemuu qabdu irras si geggeessu dha. Ajajawwan koo xiyyeeffannaadhaan utuu dhageesseetta taʼee akkam gaarii ture! Silaa nagaan kee akkuma lagaa, qajeelummaan kees akkuma dambalii galaanaa ni taʼa.”—ISAAYYAAS 48:17, 18.

Yaada kana akka affeerraa Waaqayyo dhuunfaatti siif dhiheessetti ilaaluu dandeessa. Inni nagaa sammuu fi gammachuu dhugaa akka argattu barbaada; wantoota kana argachuu akka dandeessus si gargaara.

Ogummaa Waaqayyoo Argachuu ni Dandeessa

“Saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba.”—MAARQOS 13:10.

“Misiraachoon” kun waadaa Yihowaan rakkina balleessuuf, lafa jannata gochuuf, akkasumas namoota jaallannuu fi nu jalaa duʼan gara jireenyaatti deebisuuf gale dabalata. Dhugaa Baatonni Yihowaa ergaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kana addunyaa maratti lallabaa jiru.