Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Caalaatti Barachuu ni Barbaaddaa?

Caalaatti Barachuu ni Barbaaddaa?

Namni ogeessa taʼe tokko, “Ogummaan wanta baayʼee barbaachisaa taʼe waan taʼeef, ogummaa argadhu, wanta qabdu hundumaa irrattis hubannaa qabaadhu” jedhee barreesseera. (Fakkeenya 4:7) Uumaan keenya murtoo gaarii gochuu fi jireenya gammachuu qabu qabaachuu akka dandeenyuuf, ogummaa fi hubannaa akka argannu nu gargaaruu barbaada.

Ogummaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru argachuu yoo barbaadde weebsaayitii jw.org/om ilaali. Weebsaayitii kana irraa wantoota armaan gadii argatta:

  • KITAABA QULQULLUU

  • VIIDIYOOWWAN

  • ANIMEESHINIIWWAN

  • GAAFANNOOWWAN

  • MATA DUREEWWAN GARAA GARAA

Wantoota kana kaffaltii malee argachuu dandeessa; akkasumas yaada namoota umurii hundumaa irra jiranii fi akkaataa jireenyaa garaa garaa qaban fayyadu argachuu dandeessa.