Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

ADDUNYAA TASGABBII HIN QABNE

1 Fayyaa Kee Eeggadhu

1 Fayyaa Kee Eeggadhu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Balaanis taʼe rakkinni garaa garaa fayyaa namootaarratti karaa adda addaatiin dhiibbaa geessisuun isaa hin oolu.

  • Yommuu rakkinni cimaan uumamu namoonni ni dhiphatu; yeroo dheeraadhaaf dhiphachuun isaaniimmoo salphaatti dhukkubaan akka qabaman gochuu dandaʼa.

  • Rakkinni tokko gaʼuun isaa hospitaalonni yaalii fayyaa gaarii taʼe akka hin kennine gufuu isaanitti taʼuu dandaʼa; kunis kan taʼu al takkaatti dhukkubsattoota hedduu yaaluun waan isaan barbaachisuuf, akkasumas hanqinni qorichaa waan isaan mudatuufi.

  • Rakkinni akkasii rakkina diinagdee namootarraan waan geessisuuf, nyaata madaalamaas taʼe qoricha argachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa.

Wanta Beekuu Qabdu

  • Dhukkubni cimaanii fi dhiphinni sammuu murtoo gaarii akka hin goone dhiibbaa sirratti godha; kunimmoo wantoota fayyaa keetiif barbaachisan akka dagattu gochuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, caalaatti dhukkubsachuu dandeessa.

  • Dhukkubsattee yaalii fayyaa yoo argachuu baatte, dhukkubni kee caalaatti hammaachuu dandaʼa, duʼaafillee saaxilamuu dandeessa.

  • Fayya buleessa yoo taate, haala rakkisaa keessattillee murtoo gaarii gochuun sitti hin ulfaatu.

  • Sooressas taate hiyyeessa fayyaa kee eeggachuuf tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhachuu ni dandeessa.

Wanta Amma Gochuu Dandeessu

Namni ogeessi tokko balaawwan gaʼuu dandaʼan dursee yaaduudhaan irraa of eeguuf wanta dandaʼu godha. Fayyaa keenya eeggachuufis kana gochuun keenya barbaachisaadha. Yeroo baayʼee qulqullina kee eeggachuudhaan carraa dhukkubaaf itti saaxilamtu hirʼisuu ykn dhukkubichi akka sitti hin hammaanne gochuu ni dandeessa. Dhukkubsatanii qoricha fudhachuurra dhukkubaaf akka hin saaxilamne dursanii of eeggachuu wayya.

“Ofii keenyas taʼe mana keenya qulqullinaan qabuudhaan maallaqa yaaliidhaafis taʼe qorichaaf baasnu qusachuu dandeenya.”—Andiriyaas. *

^ Barruu kana keessatti maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.