Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

ADDUNYAA TASGABBII HIN QABNE

4 Abdii Kee Cimsadhu

4 Abdii Kee Cimsadhu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Namoonni addunyaan tasgabbii dhabuu isaatiin kan kaʼe baayʼee waan yaaddaʼaniif, karaa qaamaas taʼe karaa miiraa akka bututan isaanitti dhagaʼama. Namoonni rakkinni isaanirra gaʼaa jiru hedduun haalli isaa akka fooyyaʼu isaanitti hin dhagaʼamu. Maarree, tarkaanfii akkamii fudhatu?

  • Isaan keessaa tokko tokko waaʼee yeroo gara fuulduraa yaaduuyyuu ni dhiisu.

  • Warri kaan dhugaatii alkoolii ykn qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuudhaan rakkina isaanii irraanfachuuf yaalu.

  • Namoonni muraasnimmoo jireenyarra duʼa filatu. Kanaafuu, of ajjeesuuf yaalu.

Wanta Beekuu Qabdu

  • Rakkinni sirra gaʼaa jiru tokko tokko kan turu yeroodhaaf taʼuu dandaʼa; tarii yeroo hin eegnetti furmaata argachuu dandeessa.

  • Haalli isaa yoo jijjiiramuu baatellee, wanti dandamachuuf si gargaaru jira.

  • Kitaabni Qulqulluun abdii dhugaa rakkina ilmaan namootaatiif furmaata argamsiisu qabateera.

Wanta Amma Gochuu Dandeessu

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Matumaa waaʼee boruutiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas, guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa gaʼaa taʼe qaba.”—Maatewos 6:34.

Waaʼee boruu hin yaaddaʼin. Waaʼee boruu garmalee yaaddaʼuun kee itti gaafatamummaa harʼa raawwachuu qabdu akka dagattu si gochuu dandaʼa.

Waa uumamuu dandaʼa jettee yaaddaʼuun kee dhiphinni kee akka dabaluu fi yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdiin qabdu akka laafu gochuu malee faayidaa hin qabu.

Kitaabni Qulqulluun Abdii Dhugaa Kenna

Faarfataan bara duriitti jiraate tokko kadhannaa Waaqayyoof dhiheesserratti, “Dubbiin kee miila kootiif ibsaa, daandii kootiifis ifa dha” jedheera. (Faarfannaa 119:105) Kitaabni Qulqulluun inni Dubbii Waaqayyoo taʼe ibsaa fi ifa kan taʼe akkamitti akka taʼe ilaali.

Dukkana keessa yeroo deemnu ibsaa qabachuun keenya daandii sirrii irra deemnu filachuuf nu gargaara. Haaluma wal fakkaatuun, murtoo ulfaataa gochuun yeroo nu barbaachisutti Kitaaba Qulqulluurraa qajeelfama ogummaarratti hundaaʼe ni arganna.

Ifnimmoo daandii keenyarratti ifuudhaan wanta fuuldura keenya jiru fagootti ilaaluuf nu dandeessisa. Haaluma wal fakkatuun, Kitaabni Qulqulluun yeroon gara fuulduraa akka nutti mulʼatu godha.