Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa

Seensa

KITAABNI kun seenaa dhugaa kan qabatedha. Seenaawwan kun kan fudhataman, addunyaa kanarratti hangafa kitaabotaa kan ta’e Macaafa Qulqulluurraatti. Seenaawwan kun, seenaa biyya lafaa Waaqayyo erga uumuu jalqabee kaasee, hamma yeroo keessa jirruu kanaa kan dubbatanidha. Waaqayyo gara fulduraatti maal gochuuf abdii akka kennes ni ibsu.

Kitaabni kun, walumaa galatti yaadiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman maal akka ta’an isinitti hima. Waa’ee namoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamaniifi waan isaan hojjetan dubbata. Abdii guddaa namoonni lafa jannata taatu keessa bara baraaf akka jiraatan ilaalchisee Waaqayyo kennes ni ibsa.

Kitaaba kana keessatti seenaawwan 116 ta’antu argama. Seenaawwan kunis, kutaawwan saddeetitti hiramaniiru. Kutaawwan jalqaba tokkoon tokkoon fuulichaarratti argaman, seenaawwan kuticha keessatti argaman gabaabaadhumatti ibsa. Seenaawwan kun, duraa duuba seenichi itti raawwatameen kan dhihaatedha. Kunis, haalli tokko yoom akka raawwate, akkasumas haala seenaa keessatti raawwatame garabiraa wajjin walitti dhufeenya maalii akka qaban hubachuuf isin gargaara.

Seenaawwan kun akka namaaf galuu danda’anitti kan dhihaatanidha. Ijoollee xixiqqoo kan taatan, baay’een keessan, ofii keessanii dubbisuu dandeessu. Isin warra kan taatanis, seenaawwan kana ijoollee keessan warra xixinnoodhaaf irra deddeebitanii utuu dubbistaniifii baay’ee akka gammadan hubachuu dandeessu. Kitaabni kun, ijoollees ta’e nama guddaa kan gammachiisu ta’ee argattu.

Tokkoon tokkoon dhuma seenichaarratti, caqasawwan Macaafa Qulqulluu kennamaniiru. Caqasawwan Macaafa Qulqulluu seenaawwan kun irratti hundaa’an akka dubbistan isin jajjabeessina. Seenaa tokko erga dubbistanii booda, gaaffiiwwan seenaa sanaaf qophaaˈaniifi Seenaa 116 booda jiran ilaalaatii deebiisaanii yaadachuuf yaalii godhaa.