Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 4

Iddoo Jireenyaasaaniitii Kan Baafaman Maaliifi?

Iddoo Jireenyaasaaniitii Kan Baafaman Maaliifi?

AMMA maaltu akka raawwatamaa jiru mee ilaali. Addaamiifi Hewwaan iddoo ashaakiltii Eeden ishee bareedduu keessaa ari’amaa jiru. Maaliif akka ta’e beektaa?

Balleessaa guddaa waan hojjetaniifi. Kanaaf, Yihowaan isaan adabaa jira. Balleessaa guddaan Addaamiifi Hewwaan raawwatan maal akka ta’e beektaa?

Wanta Waaqayyo hin godhinaa jedhe isaan dhowwe hojjetan. Waaqayyo, ija mukoota iddoo dhaaba ashaakiltii keessa jiran nyaachuu akka danda’an itti hime. Haata’u malee, ija muka tokkoo akka hin nyaanne, yoo nyaatan garuu akka du’an itti hime. Mukti kun qabeenyasaa ture. Waan qabeenyaa ofii hin taane fudhachuunimmoo sirrii akka hin taane beekna. mitii ree? Egaa maaltu ta’eree?

Gaaf tokko Hewwaan iddoo dhaaba ashaakiltii keessa utuu kophaashee jirtuu, bofti ishee haasofsiise. Mee yaadi! Muka Waaqayyo ijasaa akka hin nyaanne isaan dhowwe akka nyaattu itti hime. Yihowaan yommuu bofa uume, dubbachuu akka danda’u godhee hin uumne. Kanaafuu, qaamni akka bofti kun dubbatu kan godhe jira jechuudha. Qaamni kun eenyu ture?

Addaam hin turre. Kanaafuu, qaamota, Yihowaan utuu lafa hin uuminiin yeroo dheeraa dura uume keessaa tokko ta’uu qaba. Qaamiwwan kun, ergamoota yeroo ta’an, isaan arguu hin dandeenyu. Ergamoota kana keessaa inni tokko baay’ee kan of tuulu ta’e. Akka Waaqayyootti bulchaa ta’uun qaba jedhee yaaduu jalqabe. Akkasumas, namoonni Yihowaadhaaf ajajamuurra akka isaaf ajajaman barbaade. Bofichi akka dubbatu kan godhe ergamaa kana ture.

Ergamaan kun Hewwaaniin gowwoomsuu danda’eera. Yeroo inni ija mukichaarraa yoo nyaatte akka Waaqayyoo taata jedhee itti himu ni amanteen. Kanaafuu, ija mukichaa ni nyaatte; Addaamis akkasuma ni nyaate. Addaamiif Hewwaan Waaqayyoof utuu hin ajajamin hafan; sababii isaan iddoo jireenyaasaanii ishee bareedduu keessaa baafamanis kanuma.

Haata’u malee, Waaqayyo gaaf tokko guutummaa biyya lafaa akka iddoo dhaaba ashaakiltii Eeden ishee bareedduu ni godha. Lafa kana iddoo dhaabaa bareedduu gochuurratti akkamitti akka hirmaachuu dandeessu gara fuulduraatti baranna. Amma garuu, Addaamiifi Hewwaanirra maaltu akka ga’e haa ilaallu.