Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 5

Jireenya Ulfaataa Ta’e Jiraachuutu Jalqabame

Jireenya Ulfaataa Ta’e Jiraachuutu Jalqabame

ADDAAMIIFI Hewwaan iddoo dhaaba ashaakiltii Eedenii erga ba’anii booda, rakkoowwan baay’eetu isaanirra ga’e. Waan nyaatan argachuuf baay’ee dadhabanii hojjechuu qabu turan. Naannoosaaniitti mukoota miidhagoo ija gaggaarii biqilchanii mannaa, qoraattiiwwan baay’eetu biqiluu jalqabe. Wanti kun hundi Addaamiifi Hewwaanirra ga’uu kan danda’e, Waaqayyoof abboomamuu diduusaaniifi walitti dhufeenyi isaan Waaqayyoo wajjin qaban gargar cituusaatiin kan ka’edha.

Kana malees, Addaamiifi Hewwaanirra wanti kana caalu jechuunis, duunis irra ga’eera. Waaqayyo, ija muka dhowwame sana yoo nyaatan akka du’an isaan akeekkachiisuusaa yaadadhu. Kanaafuu, guyyaa ija mukaa dhowwame sanattii nyaatanii jalqabee, du’atu isaan eeggata ture. Wanta Waaqayyo isaaniin jedhe dhaggeeffachuu diduunsaanii gowwummaa guddaa ture!

Ijoolleen Addaamiifi Hewwaan hundi kan dhalatan, erga Waaqayyo warrasaanii dhaaba Eeden keessaa baasee booda ture. Kanaafuu, ijoolleesaaniis du’aafi dullumatu eeggata jechuudha.

Addaamiifi Hewwaan utuu Yihowaadhaaf ajajamaniiru ta’ee, isaanis ta’an ijoolleensaanii gammachuudhaan jiraatu turan. Hundisaanii bara baraaf gammachuudhaan lafarra jiraachuu danda’u turan. Silaa namni tokkoyyuu hin dulloomu, hin dhukkubsatu, akkasumas hin du’u ture.

Waaqayyo, namoonni bara baraaf gammachuudhaan akka jiraatan barbaada; yeroon akkasii akka dhufus waadaa galeera. Yeroo sanatti kan bareedu guutummaa lafaa qofa utuu hin ta’in, namoonni hundis guutummaatti fayyaa kan qabaatan ta’u. Namoonni hundinuu waliisaaniis ta’e, Waaqayyoo wajjin michummaa gaarii qabaatu.

Haata’u malee, Hewwaan michuu Waaqayyoo taatee itti hin fufne. Kanaafuu, yeroo ijoollee deessetti ciniinsuunshee salphaa hin turre. Baay’ee rakkatti turte. Dhugumaaniyyuu, Yihowaadhaaf ajajamuu diduunshee, gadda guddaa irraan ga’eera. Sitti hin fakkaatuu?

Addaamiifi Hewwaan ijoollee dhiiraafi durbaa hedduu qabu turan. Ilmisaanii inni angafni yeroo dhalatetti, Qaayin jedhanii maqaa baasaniif. Isa quxisuudhaafimmoo, Abeel jedhanii maqaa moggaasaniif. Ijoollee kanarra maaltu akka ga’e beektaa?