Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 6

Mucaa Gaarii Ta’e Tokkoofi Mucaa Hamaa Ta’e Tokko

Mucaa Gaarii Ta’e Tokkoofi Mucaa Hamaa Ta’e Tokko

MEE Qaayiniifi Abeeliin ilaali. Lamaansaaniiyyuu gurguddataniiru. Qaayin qotee bulaa ta’e. Kuduraafi fudura oomisha ture.

Abeel tiksee hoolotaa ta’e. Ilmoolee hoolotaa kunuunsuu ni jaallata ture. Ilmooleen hoolotaa kunis, gurguddatanii hoolota gurguddoo waan ta’aniif hoolonni Abel eegu ni baay’atan.

Gaaf tokko Qaayiniifi Abeel Waaqayyoof kennaa fidan. Qaayin waan qonnaarraa galfate keessaa Waaqayyoof kennaa dhiheesse. Abeelis hoolota qabu keessaa isa hunda caalu dhiheesse. Yihowaanis Abeeliifi kennaasaatti gammade. Qaayiniifi kennaasaatti garuu hin gammdne. Maaliif akka ta’e beektaa?

Kennaan Abeel dhiheesse, kennaa Qaayinirra waan caaleef qofa miti. Abeel nama gaarii waan ta’eefi. Yihowaafi obboleessasaa ni jaallata ture. Qaayin garuu nama hamaa ture; obboleessasaa hin jaallatu ture.

Kanaafuu Waaqayyo, Qaayin yaadasaa akka jijjiiru itti hime. Qaayin garuu gorsa kana hin dhaggeeffanne. Waaqayyo Abeeliin caalaatti waan jaallateef Qaayin baay’ee aare. Kanaafuu, Qaayin Abeelii wajjin dubbate; ‘erga gara bakkeetti ba’anii’ booda, yommuu kophaasaanii ta’anitti, Qaayin obboleessasaa Abeeliin rukute. baay’ee waan isa rukuteefis Abeel ni du’e. Wanti Qaayin godhe kun gadhee mitii?

Abeel kan du’e ta’uyyuu, Waaqayyo ammayyuu isa yaadata. Abeel nama gaarii ture; Yihowaanimmoo, tasumaa nama akkasii hin irraanfatu. Kanaafuu, Yihowaan gaaf tokko Abeeliin gara jireenyaatti ni deebisa. Yeroo sanatti Abeel matumaa deebi’ee hin du’u. Lafa kanarra bara baraaf jiraachuu ni danda’a. Yeroo sanatti namoota akka Abeelii wajjin wal baruun nama hin gammachiisuu?

Haata’u malee, Waaqayyo namoota akka Qaayinitti hin gammadu. Kanaafuu, Waaqayyo, Qaayin obboleessasaa erga ajjeesee booda, maatiisaa warra kaanirraa fagaatee akka deemu gochuudhaan isa adabeera. Qaayin yommuu naannoo ture gadhiisee adeemetti, obbolootasaa warra durbaa keessaa ishee tokko fudhatee sokke; isheenis haadha manaasaa taate.

Yeroo boodas, Qaayiniifi haati manaasaa ijoollee godhachuu jalqaban. Ijoolleen Addaamiifi Hewwaan warri kaanis wal fuudhuudhaan ijoollee godhatan. Baay’ees utuu hin turin, namoonni lafarratti baay’achuu jalqaban. Isaan kana keessaa, mee waa’ee warra tokko tokkoo haa ilaallu.