Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 10

Bishaan Badiisaa Isa Guddaa

Bishaan Badiisaa Isa Guddaa

NAMOONNI markabaa alatti argaman, akkuma kanaan duraa jiruusaanii hojjetu turan. Hamma yeroo sanaattillee, bishaan badiisaa ni dhufa jedhanii hin amanne. Kanaa mannaa, isa duraa caalaatti utuu hin ga’isin hin hafne. Haata’u malee, akka ga’isanitti hin hafne.

Utuu isaan hin yaadin bishaan samiirraa dhangala’uu jalqabe. Bishaan samii keessaa dhangala’u, bishaan baaldii keessaa dhangala’u kan caalu ture. Wanti Nohi dubbate dhugaa ture! Haata’u malee, amma namni tokkoyyuu gara markabaatti galuu hin danda’u. Yihowaan balbalicha cimsee cufeera.

Utuma baay’ee hin turinis, lafti bishaaniin guutamte. Bishaanichi laga guddaa fakkaatee ture. Mukoota jijjigsaa, dhagaa gurguddaa konkolaachisaa, akkasumas sagalee guddaas dhageessisaa adeema ture. Namoonni baay’ee sodaatan. Gara tabbootaatti ol ba’uu jalqaban. Maaloo, maal ta’a utuu Nohiin dhaggeeffanneerra ta’e, yeroo balballi banaa ture sanattis gara markabichaatti utuu galleerra ta’ee jedhanii utuu hin gaabbin hin hafan! Haata’u malee, amma yeroo isaan itti kana gochuu danda’an darbeera.

Bishaanichi caalaatti oluma dabalaa dhufe. Bishaanichi, guyyaa 40fi halkan 40f samiirra gad roobe. Gara tullootaatti ol ba’uudhaan, yeroo gabaabaa gidduuttis tulloota hundumaa dhokse. Kanaafuu, akkuma Waaqayyo dubbatetti, namoonniifi bineensonni markabichaa ala turan hundi ni dhuman. Kan markabicha keessa turan hundi garuu ni oolan.

Nohifi ijoolleensaa markabicha ba’eessa godhanii hojjetanii turan. Bishaanichi markabicha waan ol kaaseef, markabichi bishaan gubbaa adeema ture. Gaaf tokko bishaanichi gad dhangala’uu erga dhaabee booda, aduun ba’uu jalqabde. Ifa kana arguun akkam nama gammachiisaa! Lafti garba guddaa tokkoon liqimfamtee turte. Wanti mul’atu, markaba bishaan gubbaa adeemu qofa ture.

Amma, namoonni dhedheerooniifi humna guddaa qaban balleeffamaniiru. Kana booda, miidhaa namootarraan ga’uu hin danda’an. Hundisaaniiyyuu, haadhotasaaniifi namoota hamoo kaanii wajjin du’aniiru. Haata’u malee, abbotasaaniirra maaltu ga’e laata?

Abbootiin namoota dhedheeroofi humna guddaa qaban kanaa, akka keenyaa namoota hin turre. Ergamoota akka namootaatti lafarra jiraachuuf, samiirraa gara lafaatti dhufan turan. Kanaafuu, yommuu bishaan badiisaa dhufetti, namoota kaanii wajjin hin balleeffamne. Qaama namootaa isa uffatanii turan sana dhaabuudhaan, ergamoota ta’anii gara samiitti ol deebi’an. Haata’u malee, yeroo sanaa kaasee, maatii ergamoota Waaqayyoo akka ta’an isaaniif hin heyyamamne. Kanaafuu, ergamoota Seexanaa ta’an. Macaafni Qulqulluun, ergamoota kanaan hafuurota hamoo jedhee waama.

Amma Waaqayyo, qilleensi akka qilleensa’u waan godheef, bishaanichi hir’achuu jalqabe. Ji’a shan boodas, markabichi fiixee tulluu tokkoorra qubate. Guyyoonni baay’een erga darbanii boodas, namoonni markabicha keessa turan fiixee tullootaa arguu danda’an. Bishaanichi gaduma hir’achaa adeeme.

Achiis, Nohi allaattii gurraacha qurruu jedhamu markabicha keessaa baasee gara bakkeetti erge. Qurrichis, asiif achi balali’ee bakka qubatu waan hin arganneef, deebi’ee dhufa ture. Ammaa amma erga balali’ee booda, deebi’ee markabicharra qubata ture.

Nohi, bishaanichi lafarraa akka hir’ate beekuu waan barbaadeef, ammammoo gugee markaba keessaa baasee erge. Isheenis iddoo qubattu waan dhabdeef deebitee dhufte. Nohi ammas deebisee ishee erge, isheenis afaansheetti baala ejersaa qabattee dhufte. Kanaanis, Nohi bishaanichi hir’achuusaa hubate. Nohi, yeroo sadaffaadhaaf yommuu gugettii erge, lafa gogaa irra jiraachuu dandeessu argatte.

Kana boodas, Waaqayyo Nohitti dubbate. ‘Markabicha keessaa ba’i, maatii keefii bineensota si wajjin jiran hundumaa baasi’ jedheen. Markabicha keessa waggaa tokkoo ol turan. Kanaafuu, lubbuudhaan baraaramanii, deebi’anii lafarra jiraachuuf markabicha keessaa ba’uunsaanii hammam akka isaan gammachiise tilmaamuu dandeenya!