Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 2

Bishaan Badiisaatii Hanga Gibxii Ba’anitti

Bishaan Badiisaatii Hanga Gibxii Ba’anitti

Bishaan badiisaarraa kan oolan namoota saddeet qofa ta’aniyyuu, yeroo booda kumaatamaan kan lakkaa’aman ta’aniiru. Achiis waggoota 352 booda Abrahaam dhalate. Waaqayyo Abrahaamiif ilma Yisihaq jedhamu kennuudhaan kakuusaa akkamitti akka eege ni ilaalla. Waaqayyo, ijoollee dhiiraa Yisihaq lamaan keessaa Yaaqoobiin filate.

Yaaqoob maatii guddaa, ijoollee dhiiraa 12fi ijoollee durbaa muraasa qaba ture. Ijoolleen dhiiraa Yaaqoob kurnan, quxisuusaanii kan ta’e Yoseefiin jibbanii garba akka ta’u warra Gibxiitti isa gurguran. Booddee Yoseef biyya Gibxii keessatti nama bakka guddaa qabu ta’e. Yeroo beelli hamaan dhufetti, Yoseef obboloonnisaa qalbiisaanii geeddarachuusaanii ilaaluuf isaan qore. Dhumarratti, maatiin Yaaqoob hundi, jechuunis Israa’eloonni biyya Gibxiitti galan. Kun kan ta’e Abrahaam dhalatee waggaa 290 boodadha.

Waggoota 215 itti aananitti Israa’eloonni Gibxii keessa turan. Erga Yoseef du’ee booda, achitti garboota ta’an. Yeroo booda, Museen dhalate; Waaqayyos Israa’eloota Gibxii baasuuf isatti fayyadame. Walumatti qabaatti kutaan LAMMAFFAAN seenaa waggoota 857 qabateera.