Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 12

Namoonni Gamoo Guddaa Ijaaran

Namoonni Gamoo Guddaa Ijaaran

WAGGOONNI hedduun darban. Ilmaan Nohi ijoollee baay’ee godhatan. Ijoolleensaaniis guddatanii ijoollee baay’ee godhatan. Utuu hin turin namoonni hedduun lafarra jiraachuu jalqaban.

Namoota kana keessaa inni tokko, Nohi akaakilee kan ta’uuf Naamrud ture. Inni, nama hamaa bineensotaafi namoota adamsee ajjeesu ture. Kana malees Naamrud, namootarratti bulchaa ta’uuf mootii of godhe. Waaqayyo Naamrudiin hin jaallatu ture.

Namoonni yeroo sanaa hundinuu afaan tokko dubbatu turan. Naamrud namoota bulchuu akka danda’utti bakka tokkotti walitti isaan qabuu barbaade. Kanaaf maal akka godhe beektaa? Magaalaa gamoo guddaa of keessatti qabdu akka ijaaran isaanitti hime. Fakkii kanarratti suphee yommuu hojjetan ilaali.

Yihowaan ijaarsa gamoo kanaatti hin gammadne. Biyya gara biraas dhaqanii guutummaa lafaarra akka jiraatan barbaada ture. Haata’u malee, jarreen: ‘Kottaa! Magaalaafi gamoo guddaa fiixeensaa samii bira ga’u haa ijaarru. Achii maqaan keenya bakka hundumaatti beekamaa ta’a’ waliin jedhan.

Kanaafuu, Waaqayyo jaroonni gamoo sana ijaaruu akka dhaaban godhe. Akkamitti akka kana godhe beektaa? Akkuma tasaa afaansaanii gargar baasuudhaani. Sanaan booda tasumaa walii galuu hin dandeenye. Magaalaansaanii Baabel jedhamtee kan waamamtes kanaafi. Baabel jechuun “Waliin makamaa” jechuu dha.

Amma, namoonni Baabeliin gadhiisanii ba’uu jalqaban. Namoonni afaan tokko haasa’an walii wajjin jiraachuuf gara kutaa biyya lafaa adda addaatti tamsa’an.